Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 4:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Yesuus Ayyaana Woyyu'uun guutamee laga Yordaanosiitii hennaa deebi'e, Ayyaanaan gara lafa udume'ee geeffame,

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Yesus Hafuura Qulqullu'uun guutamee laga Yoordaanosiitii ni deebi'e, achiin duubatti'llee Hafuura Qulqullu'uun eemaramee gara lafa gammoojji'ii ni deeme.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Yesuus hennaa Ayyaana Woyyu'uun guuttamee laga Yoordaanosiitii deebi'e Ayyaanaan gara lafa udume'ee geeffame.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 4:1
19 Referans Kwoze  

Rabbi Yesuusii nama Naazireetii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan isa muude. Yesuus waan mishaa godha'aa worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Waan Rabbi isa woliin jiruuf.


«Ayyaanni Goofta'aa ana irra jira. worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammachu'uu akka himuuf na muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lallabuuf, worra ballaa akka argan haa godhuuf, worra miidhame akka wolaba baasuuf,


Namni Rabbi erge dubbii Rabbii dubbata; Rabbi Ayyaana ufii bikkee waan hin kennineef


Yohaannisillee akkana jedhee ragaa baye, «Ayyaanni Woyyuun samii irraa akka handari'iititti hennaa bu'ee isarra taa'u arge» Ayyaannillee isarra taa'e. Anuu isa hin beenne.


Yesuus cuuphamee bisaan keessaa akkuma bayeen, Yoosuu samiin banamee Ayyaanni Rabbii akka handari'ii hennaa isa irratti bu'u arge.


Yesuusillee hunna Ayyaana Woyyu'uutiin gara Galiila'aa deebi'ee, gurri isaallee biyya naannoo jirtu marattuu dhagayame.


Bisaan keessaa haga bayaniin maayessa Ayyaanni Goofta'aa Filiphoosiin hin fudhateen. Namichi qaama hormaataa hin qabne deebi'ee isa hin argine; gammada'aa karaa ufii deeme.


Ayyaanaan gara mana woyyu'uu dhaqe; Maariyaamii fi Yooseef akka Seera Muuse'eetitti waan isa barbaachisu isaa godhu'uuf, daa'ima qabatanii gara mana woyyu'uu hennaa seenan,


Yohaannis biyya naannoo Yoordaanosii keessa deemee, «Cubbuu keessan irraa deebi'aatii cuuphamaa'a; Rabbillee cubbuu keessan isinii araarama» jedhee lallabe. Kitaaba Raatticha Isaayyaasii keessatti, ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa'a; karaallee qajeelchaa'a! jedha'aa laagaan nama biyya gammoojjii keessatti iyyuu, Qileen maruu haa guuttamuu, gaarrinii fi gooddi maruu gadi haa jedhuu, karaan daddabaanillee qajeelaa haa ta'uu, namni foon uffate maruu fayyisuu Rabbii haa arguu;› » jedhamee akkuma barreeffame cuuphaa dhiifamsa cubbu'uu lallaba'aa gara biyya naannaya Sooriya'aa maraa dhaqe.


Yaareedi ilma Malali'eeliit, Malali'eeli ilma Qayinaaniit, Qaayinaan ilma Heenoosiit, Heenoosi ilma Seetiiti, Seeti ilma Aadaamiit, Aadaam ilma Rabbii ti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite