Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 3:3 - WAADAA LAMMATAA

3-6 Yohaannis biyya naannoo Yoordaanosii keessa deemee, «Cubbuu keessan irraa deebi'aatii cuuphamaa'a; Rabbillee cubbuu keessan isinii araarama» jedhee lallabe. Kitaaba Raatticha Isaayyaasii keessatti, ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa'a; karaallee qajeelchaa'a! jedha'aa laagaan nama biyya gammoojjii keessatti iyyuu, Qileen maruu haa guuttamuu, gaarrinii fi gooddi maruu gadi haa jedhuu, karaan daddabaanillee qajeelaa haa ta'uu, namni foon uffate maruu fayyisuu Rabbii haa arguu;› » jedhamee akkuma barreeffame cuuphaa dhiifamsa cubbu'uu lallaba'aa gara biyya naannaya Sooriya'aa maraa dhaqe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Kanaaf Yohaannis, laga Yoordaanosii naannaya biyyoota jiran mara keessa dedeebi'a'aa, «Cubbuu keessaniif dhiifama akka argattaniif, gara Waaqaa deebi'aatii cuuphamaa» jedha'aa, ni barsiisa ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3-6 Yohaannis biyya naannoo Yoordaanosii keessa deemee, «Cubbuu keessan irraa deebi'aatii cuuphamaa'a; Rabbillee cubbuu keessan isinii araaramaa» jedhee lallabe. Kitaaba Raatticha Isaayyaasii keessatti, ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa'a! karaallee qajeelchaa'a! jedha'aa laagaan nama biyya gammoojji'ii keessatti iyyuu, Dhoondhi maruu haa guuttamuu! gaarrinii fi tulloonni maruu haa diriiruu, karaan daddabaanillee qajeelaa haa ta'uu, namni foon uffate maruu fayyisuu Rabbii haa arguu!› » jedhamee akkuma barreeffame cuuphaa dhiifamsa cubbu'uu lallaba'aa gara biyya naannaya Sooriya'aa maraa dhaqe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 3:3
12 Referans Kwoze  

Akka kanaan dhiifamsa cubbu'uu ka ta'e, beekkomsa fayyinnaa banii Rabbiitiif kennita.


Amma maaf turta? dafii ka'iitii maqaa isaa waama'aa cuuphami, cubbuu keellee dhiqadhu.›


Phaawuloosillee, «Yohaannis Yesuus Kiristoosii isaan maayessa dhufutti akka amanan, bani'itti hima'aa, cuuphaa aagi'ii cuuphe» isaaniin jedhe.


Dhufuu isaatiin dura Yohaannis durseeti banii Israa'elii maraaf cuuphaa aagi'ii lallaba'aa ture.


Isaanillee gara Yohaannisii dhufanii, «Barsiisaa'a, namichi Yoordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati waan isaa ragaa baateef sun cuupha'aa waan jiruuf, namni maruu gara isaa dhaqa'aara!» jedhanii itti himan.


Akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf ani bisaaniin isin cuupha, ka na maayessa dhufa'aaru ammoo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu harkaan qabu'uuf nama male miti.


Wonti kun Yoordaanoosiin gama hulee Yohaannis itti cuupha'aa ture Biitaaniyaa Beta Raaba'aatti ta'e.


Ijoollee Isiraa'elii keessaa namoota hedduu gara Waaqa Gooftaa isaaniititti hin deebisa.


Yesuus Ayyaana Woyyu'uun guutamee laga Yordaanosiitii hennaa deebi'e, Ayyaanaan gara lafa udume'ee geeffame,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite