Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 3:22 - WAADAA LAMMATAA

22 Ayyaanni Woyyuunillee akka haala nafaatiin handarii fakkaatee isa irratti bu'e. Ilmi kiyya ka ani jaaladhu si'i, ani si'iin gammada laagaan jedhu samii irraa dhufe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

22 Hafuurri Qulqulluun'llee fakkeenna handari'iitiin dhufee isaa irratti ni bu'e, Yeroma sanitti «Ati ilma kiyya ka ani jaaladhuu fi, sitti gammadu» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

22 Ayyaanni Woyyuun akka bifa qaamaatiin handarii fakkaatee isa irratti bu'e. Yoma san laagaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu si'i; ani si'iin gammada» jedhu samii irraa dhufe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 3:22
21 Referans Kwoze  

Yohaannisillee akkana jedhee ragaa baye, «Ayyaanni Woyyuun samii irraa akka handari'iititti hennaa bu'ee isarra taa'u arge» Ayyaannillee isarra taa'e. Anuu isa hin beenne.


Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumeessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa, isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.


Rabbi Yesuusii nama Naazireetii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan isa muude. Yesuus waan mishaa godha'aa worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Waan Rabbi isa woliin jiruuf.


Laagaan samii irraa, «Kun Ilma kiyya jaalatamaa Ani itti gammadu» jedhe.


Gara dhagaa jiraataa namaan jibbamee ka Rabbiin biratti ammoo kabajjamaa ta'ee filatameetitti dhiyaata'aa,


wonni raagamellee, «Kunoo, hojjataan kiyya, ka ani filadhe, jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddiftee itti gammadde. Ayyaana kiyya isa irra kaaya, innillee worra Yihuudota hin ta'iniif murtii dhuga'aa lallaba.


Inni baallii dukkanaa jalaa nu fayyise nu biteeti, isallee gara jeennata jaalala Ilma isaa ka dhiifamsa cubbu'uu ittiin arganneetitti nu geesse.


Achiin maayessa Yesuus, «Akkuma hennaa dubbifamu dhageettan, Barreeffamni Woyyichi kun adha raawwatame» isaaniin jedhe.


Rabbitti amanateera, ‹Ani Ilma Rabbiiti› waan ufiin jedheeruuf, yoo jaalateen mee amma Isa haa oolchuu» jedhan.


Yesuus hennaa san Yohaannisiin cuuphaan akka isa cuuphuuf gara laga Yordanoosii dhufe.


Yesuus cuuphamee bisaan keessaa akkuma bayeen, Yoosuu samiin banamee Ayyaanni Rabbii akka handari'ii hennaa isa irratti bu'u arge.


Hennaa san, Yesuus biyya Galiila'aatii gara qachaa Naazireetii dhufee harka Yohaannisiitiin laga Yordaanosiititti cuuphame.


Samii irraa laagaan, «Ilmi jaaladhu si'i, An sitti gammada» jedhu dhufe.


Achiin maayessa duumessi isaan golge. Duumessa san keessaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» laagaan jedhu dhufe.


Aabbaan na ergellee waan kiyya rageera. Isin laagaa isaa womaa hin dhageenne. Bifa isaallee hin argine.


Abbaa kiyya! Maqaa kee kabajji!» jedhe. Kanaaf, «Kabajjeera, akkasuma hin kabajjaanillee» laagaan jedhu sami'ii dhufe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite