Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 3:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Innillee deebisee, «Ka uffata lama qabu ka biraatiif haa kennuu. Ka waan nyaatu qabullee akkasuma haa godhuu» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Inni'llee, «Uffata lama ka qabu tokko ka hin qabnneef haa kennu, ka waan nyaataa qabu'llee ka bira'aatiif haa qoodu,» isaaniin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Innillee deebisee, «Ka uffata lama qabu ka biraatiif haa kennuu. Ka waan nyaatu qabullee akkasuma haa godhuu» jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 3:11
22 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo qabeenna adunyaa tanaa uduu qabu hennaa obboleessi isaa waan isa barbaachisu dhabe argee garaa hin laafneef eennullee yoo ta'e, attamitti jaalalti Rabbii isa keessa jiraatti ree?


Jireenna dhuga'aa akka argatan bara dhufuufillee galmee bu'uura mishaa isaanii ta'u irratti wolitti qabata'aa,


Yesuusillee waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni, Sami'itti hin duroomtaa. Koottuu na faana deemi!» jedhe.


Eennullee, «Rabbiin hin jaaladha» jedha'aa obboleessa ufii yoo ka jibbu ta'e, inni hin soba, obboleessa ufii ka ijaan arga'aaru kan hin jaalanne; Rabbii ijaan hin argine attamitti jaalachoo danda'a?


Kaddaamuun qulqulluu ta'e, Rabbii Abbaa biratti ka mudaa hin qabne kana. Ijoollee abbaa haadha hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irraa du'e gargaara'aa hamaa biyya lafaa irraa uf eeggachu'u.


Isin garuu waan sabaree fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kennaa'a. Yoo san wonti maruu isinii qulqullaayaa.


Mootichillee deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, obboleeyyan tiyya worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof ka gootan, akka waan naaf gootanii ti!» isaaniin jedhe.


Waan woyyoota tajaajiltaniif haga ammaallee waan tajaajila'aa jirtaniif hujii hojjattan, jaalala maqaa isaatiif mudhiftan akka hin irraanfanne Rabbi hamaa miti.


‹Qorneelewoos! faateen kee Rabbiin afo'otti sii dhagayameera, kennaan ati hiyyeeyyi'ii kennitullee sii yaadatameera.


Innillee hennaa guuttatee isa laalu nayee, «Goofta'a maali'i?» jedhe. Maleekkaanillee akkana isaan jedhe, «Faateen keetii fi hiyyeeyyii gargaaruun kee Rabbiin afo'otti yaadatameera.


Inni maatii ufii maraa woliin nama Rabbiin kaddaamuu fi nama Rabbiin sodaatu bani'iillee keenna hedduu kenna'aa; hennaa maraa Rabbiin faateffata'aa ture.


Yihuudaan waan korojoo qabatuuf, Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookiin hiyyeeyyi'iif kennaa akka kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture.


Zakiwoos ammoo dhaabatee Goofta'aan, «Gooftaa kiyya! Ani waan qabu maraa irraa wadhakkaa hiyyeeyyi'iif hin kenna, eennuun irraallee dharaan sobee waan tokko yoo fudhadhee jiraadhe dachaa afur deebisaaf» jedhe.


Ka hate ammaa achi hin hatin; haata'uu ammoo bikka ka qara hatee, worra jalaa hanqateef waan kennuuf akka argatu harkuma ufiitiin waan mishaa hojjatu'uuf haa dadhabuu.


Bara adhaa worri dureeyyii ta'an, waan uf jaju'uu akka hin yaanne Rabbiin jiraata'aan akka gammannuu waa maraa caalchisee nuu keennuun malee, durummaa darbu akka abdii hin godhanne isaan gorsi.


Obboleeyyan tiyya! «Amantaa qaba» jedhee, garuu namni huji'iin hin mudhifne yoo jiraate bu'aa maal isaa qabaa? Amantaan isa fayyisuu danda'aa?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite