Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 21:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Innillee akkana jedhe, «Akka hin dogoggorre uf eeggadhaa'a. Hedduun isaanii, ‹Ani Kiristoos, barri dhiyaateera!› jedha'aa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isaan faana hin deeminaa'a!

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

8 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Akka hin dogoggorreef ufi eeggadhaa! Baayi'eewwan, ‹ani Kristos! Kunoo, yeroon dhiyaatee jira!› jedha'aa, maqaa kiyyaan ni dhufan, isaan'llee hin horddofinaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Innillee akkana jedhe, «Akka hin dogoggorre uf eeggadhaa'a. Hedduun isaanii, ‹Ani Kiristoos; barri dhiyaateera!› jedha'aa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isaan faana hin deeminaa'a!

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 21:8
26 Referans Kwoze  

Goshoota tiyya, Ayyaana mara hin amaninaa'a, Haata'uu ammoo ayyaannoni Rabbiin biraa ta'uu isaanii qoradhaa'a. Raadduun sobaa heddu gara adunyaa tanaa waan yaa'aniiraniif.


Eennullee karaa kamiin isin hin dogoggorsin, uduu ganuun firrisee hin dhufne namni mitaa, innillee ilmi badi'ii uduu hin mudhanne guyyaan sun hin dhufu.


Sababaa kanaaf ijoollee hin ajajamne irratti lolli Rabbii waan dhufuuf, eennullee dubii duwwa'aan isin hin sobin.


Raattonni dharaa hedduunillee hin ka'an, Namoota hedduullee hin dogoggorsan.


Haata'uu ammoo namoonni hammeeyyiinii fi sobduun worri dogoggoranii dogoggorsan, waan hammeennaatitti jabaata'aa deeman.


Dogoggorsitoonni baayi'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aaf ka Kiristoosiin mormu.


Isaanillee, ‹Kuunnoo achi jirti!› yookiin ‹Kunoo asi jirti!› isiniin jedhan. Isin ammoo hin dhaqinaa'a; faanallee hin deeminaa'a!


Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookiin ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad-gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.


Hennaa san irraa kaasee Yesuus, «Jeennanni sami'ii waan dhiyaatteertuuf, cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallabuu jalaqabe.


Barri waan dhiyaateeruuf, worri dubbii raagaa kana dubbisan, dhagayaniif worri waan isa keessatti barreeffame eegan eebbifamtoota.


Eegasuu, «Isin cubbuu keessaniin duutan isiniin jedha. Ani akka ‹Ana› ta'e yoo amanuu dhabatan cubbuu keessaniin duutan» isaaniin jedhe.


Ani maqaa abbaa kiyyaatiin dhufeera. Isin garuu na hin simanne ka biraa uduu maqaa ufiitiin dhufee, isa ammoo hin simattan.


Isaanillee, «Barsiisaa'a, eegasuu wonti kun yoom ta'a? Kunillee ta'uuf malkanni maali?» Jedhanii isa gaafatan.


Lolaa fi wonta nama naasisu hennaa dhageettani, hin nayinaa'a. Wonti akkasii sun duraan dursee waan ta'uuf. Haata'uu ammoo dhumti baraa yoma san hin ta'u.»


Kanaaf Yesuus, «Hennaa Ilma Namaa ol ol qabdan, akka ani isa ta'e akka Abbaan kiyya na barsiisee kana akka dubbadhuuf malee, ani ufumaan waan tokkollee akka hin goone hennaa san beettan.


Moo hammeeyyiin jeennata Rabbii akka hin dhaalle hin beettanii? Hin dogoggorinaa'a. Seebartoota yoo ta'an yookiin worra waaqa tolfamaa kaddaaman yookiin worra seebaran yookiin dhiira dhiira bira geettu,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite