Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 2:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Kunoo, adha magaalaa Daawiitii titti Fayyisaan isiniif dhalatee jira, Inni'llee Gooftaa Kristos.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 2:11
38 Referans Kwoze  

Isiin Ilma dhiiraa deetti; Innillee banii cubbuu irraa hin fayyisa maqaa isaallee Yesuus jettee waamta» jedheen.


«Eeganaa ka isin fanniftan kana Yesuusiin Rabbi Goofta'aa fi Kiristoosiin akkuma taasise worri gosa Isiraa'elii maruu dhugamaan haa beekuu!» jedhe.


Hennaa san Simoon Pheexroos, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbii jiraata'aa ti» jedheen.


haadha Gooftaa kiyyaa gara kiyya dhufuun kee naa ulfinna attamiiti?


Namni Kiristoos jedhee Yesuusitti amanu maruu, Rabbiin irraa dhalate. Ka abbaa ufii jaalatu maruu ka isarraa dhalatellee hin jaalata.


Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e, ragu'uuf.


Isaanillee dubartii saniin, «Amma nu wonti isatti amannuuf, waan ati jetteefii miti, nu'uu waan isa dhageenneef, innillee dhugamaan Kiristoos qoricha adunya'aa akka ta'e hin beenna» jedhan.


Yooseefillee akkasuma dhalootaan fiixaa Daawitii waan ta'eef, qachaa Naazireeti ta Galiilaa keessatti argamtu bayee gara qachaa Daawitii ta biyya Yihuudaa Beetaliheemiin dhaqe; inni galmaayu'uuf Maariyaamii qaadhima isaa ta ulfaa woliin achi ol baye.


Yaaqoobillee Yooseefiin uumate. Yooseefiin kun ka Maariyaamiin qaadhimate. Maariyaamiin tun ka, «Kiristoos» jedhamee maqaan itti moggaafame Yesuusiin deette.


Namni dura lafa irraa waan uumameef ka lafaati, namni lammaffaan ammoo samii irraa dhufe.


Yesuus Kiristoos Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge.


Haata'uu ammoo, Yesuus inni Kiristoos ilma Rabbii akka ta'e akka amantan amantaanillee maqaa isaatiin jireenna akka isinii ta'u kun barreeffameera.


Abbaan Ilma ufii fayyisaa adunyaa tanaa akka ta'u godhee akka erge dhageenneerra, hin rannalle'e.


Filiphoosillee akkuma Indiriyaasiitii fi akkuma Pheexroosii nama qachaa Beetasayida'aati.


Yoo hiikullee Kiristoosiin irra rakkinni akka gayu du'aa ka'uun isaaf akka ta'u, isaan hubachiisa'aa, «Yesuusiin ani isiniif lallabu kun inni Kiristoos» jedha'aa ture.


Rabbi wonti kana godheef Israa'eliif dhiifamsa cubbu'uu isaanii kennu'uuf dabarsee akka kennamu isa qorsaa fi mataa godhee mirga ufiititti kabajjeen.


Nullee ati Kiristoos Ilma Rabbii jiraata'aa akka taate amanneerra; beenneerralle'e» jedhee deebiseef.


Worra waan Yohaannis dubbate dhagayanii Yesuusiin faanaa deeman lamaan keessaa tokko obboleessa Simoonii ka Pheexroos jedhame Indiriyaas ture.


Achiin maayii Yesuus Kiristoosiin akka ta'e eennuttillee akka hin himne, darasoota ufii jabeessee seere.


Eeganaa akkuma Gooftaa Yesuusiin amantanitti isaan jiraadhaa'a.


Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee isaaf jedhee, waa maraan miidhame.


Isiinillee, «Ee Gooftaa'a, ati ka gara adunyaa tanaa dhufu Kiristoosii Ilma Rabbii akka taate, ani hin amana» jetteen.


Kuuwwan ammoo, «Kiristoos» jedhan. Kuuwwan ammoo, «Kiristoos dhuga'aan Galiila'aa dhufaa?


Nama Goofta'aan muudame uduu hin argine akka hin duune Ayyaana Woyyu'uun hubate.


Bara durii irraa jalqabee afaan raattota woyyootaatiin akkuma dubbate, fiixaa Daawitii keessaan fayyisaa jabaa nuuf kaaseera.


Dubartittiin ammo, «Kiristoos ka jedhamu Masihiin akka dhufu hin beeka, inni yoo dhufe waan maraa nutti hima» jetteen.


Fiixaa nama kanaa keessaa Rabbi akka dubbii abdii Isiraa'elii kenneetitti Yesuusiin fayyisaa fide.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite