Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 2:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Maleekkaan Rabbiillee akkana isaaniin jedhe, oduu gammachu'uu ka banii maraaf ta'u waan isinitti himuuf, «Hin sodaatinaa'a!

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 maleeyikichi garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Hin sodaatinaa! Ummata maraaf gammachuu ol aanaa ka ta'u, oduu mishaa isiniif qabadhee dhufee jira,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Maleekkaan Rabbiillee akkana isaaniin jedhe, waan oduu gammachu'uu ka banii maraaf ta'u isinitti himuuf, «Hin sodaatinaa'a!

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 2:10
30 Referans Kwoze  

Yesuusillee gara isaanii dhufee, «Baalliin maruu ardi'ii fi sami'ittillee naa kennameera.


Hennama san Yesuus ammoo, «Jabaadhaa'a! anaa, hin sodaatinaa'a!» jedhee dubbate.


Maleekkaanillee akkana isi'iin jedhe, «Maariyaam, hin sodaatin! Rabbiin afo'otti badhaadha argatteertaa.


Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.


Nullee abdii abbootaa inni kenne oduu gammachu'uu isinitti himna.


Maqaa isaatiin cubbuu irraa deebi'uu fi araarri cubbuu Yeruusaaleemiin irraa jalqabee gumii maraa irratti hin lallabama jedhamee barreeffameera.


Achiin maayessa waan jeennata Rabbii lallaba'aa oduu gammachu'uu waan jeennata Rabbii hima'aa gandootaa fi qachaa keessa lufa'aa ture.


Durummaa Kiristoosii ka haga hin qabne, worra Yihuudii hin taanetti lallabneef Rabbiin maraa uume dhossaa seera barootaa keessatti dhokate maraafuu maal akka ta'e akka ibsuuf badhaadhummaan kun ana ka woyyoota maraayuu gad ta'ee kenname.


Maleekkaan deebisee, «Ani Gabri'eelii afoo Rabbii dhaabadhu, oduu gammachu'uu kana sitti himu'uuf ergame.


Maleekkaan sunillee akkana jedheen, «Zakkaariyaas, kadhaan kee sii dhagayameera hin sodaatin! haati manaa tee Elsaabeex ilma dhiiraa sii deetti; maqaa isaallee Yohaannis jettee itti baafta.


Lutti worra oduu gammachu'uu mishaa himanii attamitti barreede jedhamee akkuma barreeffame, yoo hin ergamin attamitti lallaban?


Inni, «Gara biyya lafaa maraa dhaqaa'a! Uumama maratti Oduu Nagayaalallabaa'a!


Maleekkanillee dubartootaan akkana jedhe, «Hin sodaatinaa'a; isin Yesuusii fannifame akka soqa'aartan hin beeka.


Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite