Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 19:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Namichi fiixaa mooti'ii tokko muudamee mootii ta'ee deebi'uuf biyya fagoo dhaqe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Kanaaf Yesus akkana ni jedhe, «Aangoo nugusumma'aa fudhatee deebi'u'uuf gara biyya fago'oo ka deeme, nama aangoo qabu ol aanaan tokkotu jira ture,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Namichi fiixaa mooti'ii tokko muudamee mootii ta'ee deebi'uuf biyya fagoo dhaqe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 19:12
18 Referans Kwoze  

Kiristoos amma gara sami'ii ol bayee mirga Aabba'aa taa'eera. Maleekkonni worri baallii qabaniif hunna qabeeyyiin martinuu baallii isaa jala jiran.


akkasuma Kiristoosillee ammoo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammaffaa deebi'ee isaanitti mudhata.


Philaaxoosillee eeganaa, «Ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani mootii akka ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe.


Innillee mammaaka kana banitti himuu jalqabe. «Namichi tokko ashaakiltii woyini'ii dhaabee qonnaan bultootaaf bara hedduuf kiraa kenne gara biyya biraa deeme.


Inni duumeessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin.


Haga dintoota isaa maraa luka isaa jala godhuufiif jeennanni ta isaati.


Inni haaganaa waan qabeeruuf guyyaa san harka nama qopheessee saniin adunyaa irratti qajeellumma'aan murteessu'uuf ta'a. Kanaafuu worra du'e keessaa isa kaasu'uun maraa mirkaneesseera»


Uduma isaan eebisa'aaru isaan dhiisee gara sami'ii ol fudhatame.


Gooftaan Yesuusillee isaan woliin haga kana dubbateen maayii gara sami'ii ol deebi'ee mirga Rabbii taa'e.


Innillee akkana jedhee mammaakaan isaanitti himuu jalqabe, «Namichi tokko biqiltuu woyini'ii dhaabee, dhaga'aan dallawa itti dallayee, boolla woyinii itti cuunfan qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree, qonnaan bultootatti kireessee gara biyya fago'oo deeme.


Qonnaan bultoonni sun ammoo, Ilma isaa hennaa argan, ‹Ka dhaalu kanaa; koottaa, isa ajjeefnee ristii fudhannaa.› woliin jedhan.


Yesuusillee gara isaanii dhufee, «Baalliin maruu ardi'ii fi sami'ittillee naa kennameera.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite