Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 16:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Seerrinii fi raattonni haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hojjata'aa turan. Hennaa san irraa jalqabee Oduun Nagayaa ka jeennata Rabbii lallabameera; namni maruu gara jeennataa galu'uuf jabaatanii tattaafatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Yesus haasaya isaa itti fufu'uun akkana ni jedhe, «Kitaabban seeraatii fi nabiyyootaa haga Yohaannisii cuupha'aa titti dubbatama'aa turanii jiran, achii asitti'llee ka dubbatama'aa jiru dubbii gammachuu Mootummaa Waaqaati, tokko tokkoon namaa'llee gara Mootummaa sanii titti aseenu'uuf tataaffii cimaa ni taasisa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Seerrinii fi raattonni haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hojjata'aa turan. Hennaa san irraa jalqabee Dubbiin Nagayaa ka jeennata Rabbii lallabameera; namni maruu gara jeennataa galu'uuf jabaatanii tattaafatan.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 16:16
21 Referans Kwoze  

Yohaannis karaa qajeellumma'aatiin isinii dhufe. Isin ammoo itti hin amanne. Qaraxxoonninii fi seebartoonni ammoo itti amanan. Isin kana argitaniillee, aagii galtanii itti hin amanne.


Filiphoosillee akkuma Indiriyaasiitii fi akkuma Pheexroosii nama qachaa Beetasayida'aati.


Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse'ee fi raattota yoo hin dhageenne, yoo namni tokko worra du'an keessaa ka'ellee hin amanan› » jedhe.


Rabbi ammoo akka Kiristoosiin irra rakkinni gayu afaan raattota maraatiin dursee waan dubbate akkasuma raawwate.


Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse'ee fi raattota waan qabaniif, isaanuma haa dhagayanii› jedheen.


‹Daaraa qachaa keessanii, luka keenna irraa hin dhadhayanna; haata'uu ammoo jeennanni Rabbii gara keessan akka dhiyaatte beekaa'a!› jedhaa'a.


Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaa'a, ‹Jeennanni Rabbii gara keessan dhiyaatteerti› jedha'aanii.


Hennaa san irraa kaasee Yesuus, «Jeennanni sami'ii waan dhiyaatteertuuf, cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallabuu jalaqabe.


Jeennata Rabbii akka lallabaniif dhukkubsattoota akka fayyisan akkana jedhee isaan erge.


Yohaannis dabarfamee haga kennameen maayii, Yesuus, «Barri dhume. Jeennanni Rabbii dhiyaateera; aagii galaa'a Oduu Nagayaatittillee amanaa'a.» jedha'aa Oduu Nagayaa ka jeennata Rabbii lallaba'aa gara Galiila'aa dhufe.


Akkuma dhaxxaniin, jeennanni sami'ii dhiyaatteerti jedha'aa lallabaa'a.


Kanaaf Fariisonni, «Waan tokkollee godhuu akka hin danda'amne argitanii? Kunoo adunyaan isa faanaa ka'anii deema'aaran!» woliin jedhan.


Akkanatti yoo dhiifne martinuu isatti amanan. Worri Rooma'aa dhufanii biyya teennaaf banii keenna fudhatan» jedhan.


Inni ammoo akkuma arge dubbata'aa, oduu biyya maraan gaye. Kanaaf Yesuus achiin maayessa hulee udumee namni hin jirre ture malee, gara qacha'aa seenuu hin dandeenne. Namoonni bakka adda addaatii gara isaa dhufa'aa turan.


Yesuusillee manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa deddeeme.


Wonti nama batteessu waan afaan namaa keessaa bayu malee, waan gara afaan namaa seenuu miti» isaaniin jedhe.


Hennaa gari garii Maleekkaan Rabbii bu'ee bisaan waan sochoosuuf. Haga bisaan socho'een maayessa, hennaa san namni firrisee bisaan keessa seene dhibee maraa irraa hin fayya.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite