Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 15:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Fariisonninii fi Barsiisonni Seera Muuse'ee, Kun cubbamoota simata, isaan woliin nyaata jedhanii itti guunguman.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Fariisotaa fi barsiisonni seera garuu kana arganii, «Kun ammoo cubbamoota ufitti ni fudhata, isaan woliin'llee ni nyaata» jedha'aa, Yesusiin irratti ni guunguman.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Fariisonninii fi Barsiisonni Seera Muuse'ee kana arganii, «Kun cubbamtoota simata; isaan woliin nyaata» jedhanii itti guunguman.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 15:2
12 Referans Kwoze  

Worri Fariisotaa kana arganii, darasootaan, «Barsiisaan keessan maali'iif worra qaraxa guuruu fi cubbamoota woliin nyaata?» isaaniin jedhan.


Maruu arganii keessummaa nama cubbamaa ta'u'uuf seenee jedhanii guunguman.


Fariisichi isa hurbaataa nyaachisu'uuf waamellee argeet namichi kun uduu raaga ta'ee ta luka isaa qaqqabdu tun maal akka taate attamitti akka turtellee hin beeka ture. Isiin cubbamtu'u jedhee garaa ufiititti yaade.


Faariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee gariin, «Isin maaf qaraxxootaa fi cubbamtoota woliin nyaattan? maaf dhuddan?» jedhanii darasoota Yesuusiititti guunguman.


«Ati mana worra hin gadoomnee sentee isaan woliin nyaatte» jedhaniin.


Ilmi Namaa ammoo hennaa dhufe, nyaata'aa dhuga'aa waan dhufeef, isin ammoo, ila! Inni worra nyaatu, machooftuu, qaraxxu'uu fi cubbamoota jaalata jettaniin.


Namoonni gariin Yaaqoobiin bira uduu hin dhufiniin dura, inni worra Yihuudota hin taane woliin nyaata'aa waan tureef, hennaa dhufan ammoo gosa gadooman san sodaatee uf duubatti sissiiqa'aa isaan biraa fooyame.


Ilmi Namaa nyaata'aa dhuga'aa hennaa dhufe, Isaan ammoo, ‹Daadhii woyini'ii dhugu'uuf ka nyaatee hin quufne hiriyyaa qaraxxootaatii fi cuubamtootaa ti› jedhaniin. Haata'uu ammoo Ogummaan Rabbii, hujii ufiitiin mirkanoofteerti» jedhe.


Yesuusillee mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime.


«Cubbamtoota fayyisu'uuf Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufe» dubbiin jedhu amanama'aa fi ka martinuu fudhatuu barbaachisu. Cubbamtoota keessaa ijoon ana.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite