Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 10:42 - WAADAA LAMMATAA

42 Ka barbaachisu ammoo waan diqqoo yookiin waan tokko. Maariyaam hiree mishaa filatteerti isii irraa hin fudhatamu» isi'iin jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

42 garuu wonitti barbaadamaan waan tokko qofa, Maariyaam waan fooyyaye filattee jirtti, isa'llee ka isii irraa fudhatu eennu'llee hin jiru.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

42 Wonti barbaachisu ammo waan diqqo'o; yookaan waan tokko. Maariyaam hiree mishaa filatteerti isii irraa hin fudhatamu» isi'iin jedhe.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 10:42
36 Referans Kwoze  

Ka bisaan Ani kennu irraa dhugu maruu ammoo baraa haga bara baraatitti hin dheebotu. Bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe.


Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka dubbii kiyya dhagayu, ka na ergettillee ka amanu jireenna bara baraa qaba; du'aa gara jireennaatitti ceeyeera; gara murtii du'aa hin dhufu.


Yesuusillee waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni, Sami'itti hin duroomtaa. Koottuu na faana deemi!» jedhe.


Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti.


Namni waan adunyaa tanaa maraa qabaatee, lubbuu ufii yoo dhabe ammoo maal isaa godha?


Kanaafuu hennaa dhageettan qulqulleeffadhaa dhagaya'aa nama waa qabu kamiifuu eda'amee kennamaaf. Nama waa hin qabne kamuu wonni inni hin qaba jedhee yaadu diqqoon sunuu irraa fudhatamti.


Rabbi ammoo, ‹Ati cem'aaleessa nana halkan kana lubbuu kee si keessaa fuudhu'uuf soqaaranii, ka wolitti kuufatte kun ka eennuu ta'a?› jedheen.


Hiyyeeyyii nyaachiisu'uuf, waan qabu maraa yoo qoode, foon kiyyallee yoo ibiddaaf kenne, jaalala ammoo yoo hin qabaanne, womaa hin fayyadu.


Qabeenna keessan gurgura'aatii worra hiyyeeyyi'ii kennaa'a. Hulee hattuun itti hin dhiyaanneef bakka xiinxanaan hin balleessinetti qabeenna hin dhumanne ka sami'iititti korojoo hin moofnetti ufiif kaayadhaa'a.


Abrahaam ammoo akkana jedhee deebise, ‹Ilma kiyya, ati bara jireenna keetii waan mishaa akka argatte qaabadhu; Ali'aazaar ammoo akka rakkata'aa ture yaadi. Amma ammoo asitti isaa toleera, ati ammoo rakkata'aarta.


Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Dureessi sunillee isa waamee, ‹Wonti si irratti dhagayu kun maali? Duranaaf hojjataa kiyya ta'uu waan hin dandeenneef herrega hujii keetii naa dhiyeessi› jedheen.


Isiinillee obboleettii Maariyaam jedhamtu qabdi. Maariyaam ammoo dubbii isaa dhagayu'uuf luka Yesuusii jala teette.


Yesuus hulee takkatti faateffata'aa tureeti, Hennaa faatee fixe, darasoota keessaa tokko, «Gooftaa keenna! Yohaannis darasoota ufii akka barsiise akka faateffannu nu barsiisi» jedheen.


Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haata'uu ammoo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a, isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.»


Ganda Maariyaamiitii fi obboleettii isi'ii Maartaa Biitaaniyaa keessatti namni Alaazaar jedhamu tokko dhibamee ture.


Yihuudota keessallee hedduun isaanii du'a obboleessa isaaniitiif Maarta'aa fi Maariyaamiin jajjabeessu'uuf isaan bira dhufan.


Maariyaam urgoo naardoosii ka gatiin isaa guddaa baasu fuutee, luka Yesuusii dibde, luka isaa rifeensa mataa ufiitiin haxxe. Urgoon naardoosiillee mana urgeesse.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite