Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Wongeela Luqaas 10:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Akkana isaaniin jedhe, midhaan haamamu gudda'a worri haamu ammoo diqqa'a. Kanaafuu abbaan midhaanii worra midhaan haamu gara maasa'aa akka ergu isa kadhadhaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Kunoo, callaan baayi'e'ee, hojjattoonni calla'aa garuu isaan muraasonni, kanaaf Gooftaan calla'aa hujii calla'aatiif hojjattoota dabalataa akka ergu, kadhadha'aanii.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Akkana isaaniin jedhe, «midhaan haamamu gudda'a worri haamu ammo diqqa'a. Kanaafuu abbaan midhaanii worra midhaan haamu akka gara maasa'aa ergu isa kadhadhaa'a.

Gade chapit la Kopi




Wongeela Luqaas 10:2
48 Referans Kwoze  

Obboleeyyan tiyya! Worra isin wodhakka'atti hujii Goofta'aatiin dadhaban, worra isin bulchaanii fi isin gorsan waan hujii Goofta'aatii fi hagaa olitti akka isaan kabajjitan isin kadhanna. Isin wolii nagaya qabaadhaa'a.


Inni, «Gara biyya lafaa maraa dhaqaa'a! Uumama maratti Oduu Nagayaalallabaa'a!


Ati ammoo waa maraa uf eega'aa raawwadhu, rakkinna obsi, hujii kee lallaba Oduu Nagayaa godhadhu. Hujii kee raawwadhu.


Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen dubbiin Goofta'aa akka ariiti'iin deemu, isin birattillee akka ta'uutti akka kabajjamu, namoonni hedduu waan hin amanneef, namoota hameeyyi'ii fi worra diiggaa hojjatan jalaa akka baanu nuu faateffadhaa'a.


Kunillee akka nama mana ufii hojjattoota ufiititti dhiisee, isaan maraafuu hujii kennee, ka balbala eegu jabaatee akka eegu seeree deeme fakkaata.


Nu Waaqa jiraataa fayyisaa nama maraa ta'e; keessumatu ka worra amananiititti waan abdanuuf, hin dadhabna, hin arabamnalle'e.


Innillee deemi ani gara worra Yihuudii hin taanee ka biyya fago'oo si erga› naan jedhe.»


Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.


Isaanillee Ayyaana Woyyu'uun ergamanii gara Selewiqiya'aa dhaqan. Achiillee Markabaan gara Qophiroosii deeman.


Isaan kunniinillee Gooftaa kaddaama'aa hennaa sooman, Ayyaanni Woyyuun Barnaabaasii fi Saa'ooliin hujii ani isaan waameef naa fooyaa'a jedhe.


Sababaa rakkinna Isxifaanoosiin irra gayeetiin worri bittinaayan finiqee Qophiroosiif, haga Anxookiya'aa deemanii dubbii Rabbii Yihuudota calla'atti himan malee, ka biraa eennuttuu hin himne.


Worri faca'an dubbii lallaba'aa deeman.


Yesuus ergamtoota ufii kudha lamaanuu wolitti waamee, jinniiwwan maraa akka baasan, dhibeellee akka fayyisan hunnaa fi baallii isaanii kenne.


Isaanillee bayanii, naannoo maraa dhaqa'aa, Oduu Nagayaa lallaban. Gooftaanillee isaan woliin hojjata'aa ture. Maalalee hojjataniin lallaba isaanii isaanii mirkaneesse.


«Jeennanni sami'ii nama maasaa woyinii ufiitiif hojjattoota qaxaru'uuf obboro'oon baye fakkaatti.


Akkasuma Obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammoo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Afirodiixiin isinii erguun giddi'i.


Martinuu ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii uduu hin ta'in, woma ufii waan soqaniif.


Rabbillee woldaa Kiristaanaatitti dursee ergamoota, lammaffaa raattota, sadaffaa Barsiisota, maalalee godhuu, kennaa fayyisu'u, gargaarsa, bulchiinsaa fi laagaa adda addaa kenneera.


Waan kanaafillee akkasuma na irratti hunnaan akkuma ka hojjatu hujii isaatitti wondhassa bayu'uun dadhaba.


Tajaajila isin naaf kennuu hin dandeenne guutu'uuf jedhee, hujii Kiristoosiitiif jedhee jiruu ufii uduu hin filatin du'uu gaye.


Kiristoos ammoo mana Rabbii keessatti akka Ilmaatitti amanama'a, nullee waan ittii abdannuuf abdii ittin boonnu haga dhumaa jabeessinee yoo eenne nullee mana isaati.


Obboleeyyan tiyya! Dadhabbii keennaa fi xaarii keenna waan qaabattaniif, isin keessaa nama tokkottillee akka hin ulfaanne, halkanii guyyaa hojjata'aa, Oduu Nagayaa ka Rabbii isinitti lallabne.


Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata.


Nu isa woliin hojjata'aa, badhaadhummaa Rabbii akkanumaan akka hin fudhanne akkasuma hin kadhanna.


Haata'uu ammoo, ani ka badhaadha Rabbiitiin ergame. Badhaadhummaan naa kennamellee duwwaa hin turre; isaan maraa caalaa ammoo natu dadhabe; Haata'uu ammoo badhaadhummaa Rabbii ka na woliin jiru malee, anaa miti.


Phaawuloosii waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhameef obboleessa keenna Ximootewoosiin irraa obboleessa keenna jaalatamaa nu woliin hojjatu Filmoona'aa fi


Gara Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. Ka urjoota torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite