Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Waan narraa barattanii fi waan narraa fudhattan waan dhageettanii fi argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Ka ana irraa barattanii fi ka fudhattan, ka dhageettanii fi ka argitan maraa raawwadhaa, Waaqinni nagayaa isin woliin ni ta'a.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Waan na irraa barattanii fi waan na irraa fudhattan waan dhageettanii fi waan argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:9
36 Referans Kwoze  

Worra dubbii Rabbii raawwattan ta'aa malee, worra uf dogoggorsa'aa dubbii callaa dhageettan hin ta'inaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Worra na fakkaattan ta'aa'a. Akkuma nullee fakkeenna isinii taanu, akkasumma worra fakkeenna keennaan deddeebi'u laalaa'a.


Kanaafuu obboleeyyan tiyya, waamamuu keessanii fi filamuu keessan akka jabeessitan ka duraa caalaa jabaadhaa'a. Waan kanniin yoo gootan horomaa hin gufattan.


Beetanii kana yoo gootan isin worra eebbifame.


Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan Karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega.


Waandhi nagayaa seexana luka keessan jalatti gadi dhaya. Badhaanni Gooftaa keena Yesuus Kiristoosii isin woliin haata'u.


Waan hafeen obboloota tiyya nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.


«Waan ani isinitti himu uduu hin hojjanne, maaf, ‹Gooftaa'a, Gooftaa'a› jedha'aa na waamtan.


Waan ani isin seere maraa akka eegan barsiisaa'a. Ani hennaa maraa haga dhuma biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.


Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu nama hujutu jeennata sami'ii gala malee, ka, ‹Gooftaa, Gooftaa› jedhee na waamu marti hin galu.


Waan isin ajanyu amma akka gootan, duranaallee akkasuma akka gootan, waan keessaniif Gooftaa hedanneerra.


Isinillee akkasuma dubbii Rabbii rakkoo hedduun gammachuu Ayyaana Woyyu'uu woliin fudhattanii worra nu'uuf Gooftaa fakkaatu taataniirtan.


Waandhi nagayaa qaama keessan hooma'aa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.


Waandhi nagayaa isin maraa woliin haata'u! Amiin!


Achiin maayessa haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godhaa'a» jettee worra ansaadanitti himte.


Innillee deebisee haati tiyyaaf obboleewwan tiyya worra dubbii Rabbii dhagayanii hojii irra oolchan isaaniin jedhe.


Isin obboleeyyan tiyya, worra Yihuudaa jiraatan ka Kiristoos Yesuusitti amananii Woldaa Rabbii worra fakkaatan taataniirtan; worra Yihuudotaa irraa akkuma rakkinni isaan irra gaye; isinillee akkasuma rakkinni akkasii sun namoota biyya keessanii irraa isin irra gayeera.


Eegasuu waan dhuddanii fi waan nyaattan yoo ta'e yookiin waan kamiinillee yoo gootan, waa maraa ulfinna Rabbiitiif godhaa'a.


Hollata'aatti maalalfatee, «Gooftaa kiyya! Akka maal godhu feeta?» jedheen. Gooftaanillee, «Ka'iitii gara qacha'aa seeniitii waan godhuu si barbaachisu sitti himan» jedheen.


Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura kee woliin haa jiraatu. Badhaani isin woliin haata'u. Amiin!


Rabbii Waaqa nagayaati malee, Waaqa wocaa waan hin taaneef. Woldaa Woyyuu Kiristaanaa marattuu akkanuma.


Waan ani isin ajaje maraa uduu gootanii isin jaalalloota tiyya.


Ajaja isaa waan eennuuf, afoo isaatitti worra isa gammachisuu waan taaneef waan kadhannu maraa isaa irraa arganna.


Wonti dubbatame sunillee, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilmallee hin deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u.


Eegasuu worra na fakkaatu ta'aa jedhee, isin kadhadha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite