Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Kanaafuu worri ani yaaduu fi jaaladhu badhaasaa fi gammachu'uuf kallacha kiyya worri taatan, obboleeyyan tiyya! Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Ka isin jaaladhuu fi ka isin yaadu, gonfaan gammachuu kiyyaatii fi hujii kiyyaa ka taatan, obboleeyyan kiyya! Goofta'aan jabaadha'aatii jiraadhaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Kanaafuu obboleeyyan tiyya! worri ani yaaduu fi jaaladhu, worri badhaasa, gammachu'uu fi kallacha kiyya taatan, Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:1
35 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a.


Dammaqaa'a; amanta'aan jabaadha'aa dhaabadhaa'a, guddadhaa'a.


Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a.


Kanaaf obboleeyyan tiyya! Jaalatamtoota dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane, waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.


Jaalala Kiristoos Yesuusiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a.


Ka dubbii abdi'ii kenne amanamaa waan ta'eef, akka hin sochoone, ragaa abdii keennaa haa eennuu.


Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa isaanii kenna.


Yesuusillee Yihuudota isatti amananiin, «Isin yoo dubbii kiyyaan jiraattan, isin dhugamaan darasoota tiyya, dhugaallee hin beettan dhugaanillee bilisa isin baasa» isaaniin jedhe.


Eeganaa ilma kiyya! Ati badhaadha Yesuus Kiristoosiin argatteen jabaadhu.


Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.


Innillee achi dhaqee badhaadhummaa Rabbii haga arge hin gammade; marti isaaniituu fedha garaa isaaniitiin Goofta'aan jabaatanii akka jiraatan gorse.


Barumsa ergamtootaatiin, Xoroshoo woliin nyaata'aa faateffachu'uunillee jabaatan.


Eegasuu jaalatamtoota tiyya, isin waan kana duraanuu waan beettaniif dogoggora worra hammeeyyi'iitiin qabamtanii dhaabachuu keessan irraa akka hin kufne ufi eeggadhaa'a. Akkasuma;


Eeganaa ka gara sami'ii ol baye gadicha hayyicha guddaa Ilma Rabbii Yesuusiin waan qabnuuf jabaannee amantaa keenna haa eennuu.


Amantaa keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.


Eeganaa obboleeyyan tiyya, jabaadha'aa dhaabadhaa'a; dubbii keennaanillee yoo ta'e yookiin erga'aaf barreeffamaan waan isin barsiifne jabaadha'aa eegaa'a.


Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata.


Wolabumma'aan akka jiraannuuf Kiristoos wolaba nu baase. Eegasuu jabaadha'aa dhaabadhaa'a! Deebitanii qanbaraa garbumma'aatiin hin qabaminaa'a!


Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan. Ka haga dhumaa jabaate ammoo hin fayya.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite