Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Worra akka sare'ee foon namaa nyaatanii fi hojjattoota hammeeyii irraa uf eegaa'a. Worra seera fooniitiin waan hin taaneen dhugamaan gadoomneerra jedhaa'a soban irraa uf eegaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Akka sare'ee asii fi achi worra fiigan hameenna raawwattoota irraa ufi eeggadhaa, foon ka mummuran worra gadoomssan, irraa ufi eeggadhaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Worra akka sare'ee foon namaa nyaatanii fi hojjattoota hammeeyyii irraa uf eegaa'a. Worra seera fooniitiin waan hin taaneen dhugamaan gadoomneerra jedha'aa soban irraa uf eegaa'a.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:2
31 Referans Kwoze  

Namoonni akkanaa kunniin ergamtoota Kiristoosii fakkaatu'uuf uf jijjira'aa worra kijibdootaa fi ergamtoota dhara hojjatan.


Isaan Rabbiin beenna jedha'aa ifa dubbatan. Haata'uu ammoo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif, hujii ufiitiin isa ganan.


Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolffamaa kaddaaman, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.


Haata'uu ammoo isin uduu wol ciniintanii fi wol nyaattan akka wol hin balleessine uf eegaa'a!


Dhumti isaanii badi'i. Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shiingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaatti.


Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Yesuus ammallee, «Raattota dharaa irraa uf eeggadhaa'a; hoolaa fakkaachu'uuf gogaa hoola'aa uffatanii, gara keessan hin dhufan; keessi isaanii ammoo akka Yayyii beeloftee ti.


Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati.


Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa.


Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.


Amanta'aa fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni gari gariin qalbii ufii gatanii akka markabni ka oofu malee baduu, waan amanta'aatiin waan badaniiraniif.


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin kaddaamnu, ka Kiristoos Yesuusiin dhaadannu nu worra waan foonii hin hedanne worra gadoomne waan taaneef.


Obboleeyyan tiyya! Isin wolabumma'aaf waamamtaniirtan; ammoo wolabumnaan keessan foonii sababaa akka hin kennine. Haata'uu ammoo, isin wolii akka garbootaa ta'aa'a.


Ka maqamaaf Yihuudii ta'e, Yihuudii waan hin taaneef, addaataa gadoomuun fooniin ta'e, gadoomuu waan hin taaneef.


«Waan woyyoome sariinii hin kenninaa'a; isinitti garagalanii isin ciniinanii. Meeshaa keessan ka gatii mi'a'aa booyyota afoo hin buusinaa'a!»


Rakkinna keetiif hiyyummaa kee hin beeka. Haata'uu ammoo ati dureessa, arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka isaan woldaa seexanaati.


Kunillee akkuma mammaanni, «Sareen diddiga ufiititti deebiti» akkasuma, «Booyyeen dhiqamtee deebitee dhoqqe'etti gangalatti» jedhu sun isaan irratti ta'e.


Hennaa san namoonni hedduu amantaa irraa duubatti deebi'an, isaan dabarsanii wol kennan, Wolillee hin jibban.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite