Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:17 - WAADAA LAMMATAA

17 Obboleeyyan tiyya! Worra na fakkaattan ta'aa'a. Akkuma nullee fakkeenna isinii taanu, akkasumma worra fakkeenna keennaan deddeebi'u laalaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

17 Yaa obboleeyyan kiyya! Worra fakkeennummaa kenna horddofan maraa, hubadha'aatii laalaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

17 Obboleeyyan tiyya! Worra na fakkaattan ta'aa'a. Akkuma nullee fakkeenna isinii taanu, akkasumma worra fakkeenna keennaan jiraatu laalaa'a.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:17
15 Referans Kwoze  

Waan narraa barattanii fi waan narraa fudhattan waan dhageettanii fi argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa.


Eegasuu worra na fakkaatu ta'aa jedhee, isin kadhadha.


Tooyadhaa'a; fakkeenna isaanii ta'aa'a malee, woldaa amantootaa hunnaan hin bulchinaa'a.


Kunillee isin akka nu fakkaattaniif uf akka fakkeennaatitti isinii keennu'uuf turre malee, nu waan baallii hin qabneefii miti.


Worra ijoo dubbii Rabbii isinitti himan yaadadhaa'a. Waan jireenna isaanii keessatti argame laalaa'a; amanta'aan isaan fakkaadhaa'a.


Attamitti akka nu fakkaachuun isin barbaachisu isinuu waan beettaniif, nu isin biratti haala malee hin jiraanne.


Ani ammoo hedduun isaanii akka fayyaniif bu'aa isaaniitiif malee, bu'aa kiyya uduu hin barbaanne waa maraanuu nama maraa akka gammachiisu Yihuudii, namoota Giriikiitii fi woldaa Kiristaanaa ta Rabbiitittillee gufuu hin ta'inaa'a.


Dubbii keenna ka dhaamsa kanaan ergameef ka hin ajajamne eennullee yoo jiraate kana laala'aa akka saalfatu isa woliin wol hin ta'inaa'a.


Isinillee akkasuma dubbii Rabbii rakkoo hedduun gammachuu Ayyaana Woyyu'uu woliin fudhattanii worra nu'uuf Gooftaa fakkaatu taataniirtan.


Haata'uu ammoo Obboleewwan tiyya! worra barumsa isin barattan mormanii fi gar gar baayiinsa uumanii, namootatti gufuu ta'an, addaan baaftanii akka laaltaniif irraallee akka fagaattan isin kadhadha.


Akka ani Kiristoosiin fakkaadhu isinillee na fakkaadhaa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite