Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Kana maraa argeera yookiin guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haata'uu ammoo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasiifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Kana maraa amma'llee hin arganne, yookiin kana maraanuu muda maleessa ta'ee jira jechu'uuf hin danda'u, haa ta'u malee Yesus Kristos ana ka isaa taasisee, kennaa naaf qopheesse argachu'uuf ufi durana fiigu'uun ni hisadha.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Kana maraa argeera; yookaan guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haa ta'uu ammo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:12
44 Referans Kwoze  

Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu. Isin garaa keessan nuu badhisaa'a.


karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isiin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Uduu adunyaan hin uumamne, afoo isaatitti woyyootaaf worra mudaa hin qabneef jaalalaan akka jiraannuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate.


Ta'ullee woma duraan baranne callaa jabeessinee haa qabannuu.


Badhaadhumma'aa fi beekkomsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Nu martinuu waan hedduun hin dogoggora; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggore, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.


Namoota maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a Woyyoomuu barbaadaa'a. Isaan malee ka Gooftaa arguu danda'u waan hin jirreef.


Foon Ayyaana irratti, Ayyaanillee foon irratti waan hawwuuf; kunniin lamaan waan wol mormaniif, kanaafuu waan jaalattan godhuu hin dandeettan.


Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa Waandhi isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa, inninuu guutuu isin taasisa. Isin dhaaba, isin jajjabeessa.


Nu ammoo worra Goofta'aan jaalatamtan hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa. Rabbi Ayyaanaan woyyoomuu dhugaallee amanu'uun fayyinnaaf akka hangafaatitti waan isin filateeruuf.


Nu marti keenna gara tokkummaa Ilma Rabbii amanu'uu fi beeku'uun argamuutiif gara nama guutuu ta'u'uu haga waan Kiristoosiitiin guuttamuu geennuuf tajaajila woyyootaa hojjatu'uuf qaama Kiristoosii ijaaru'uuf guutuu akka ta'an.


Nu dadhabnee, isin jabaa hennaa taatan waan gammanneef. Isin guutuu akka taatan, kanaafillee akkasuma hin faateffanna.


Inni guutuun yoo dhufe, hagoon sun hin hafa.


Eennullee eennuun irratti waan hamaa akka hin deebifne uf eegaa'a. Haata'uu ammo hennaa maraa martii keessanuu waan mishaa wolii godhu'uuf jabaadhaa'a.


waan mishaa godha'aa hujii misha'aan dureeyyii akka ta'an, worra nama gargaaranii fi worra namaa qoodan ta'u'uuf akka qophaayan isaan gorsi.


Gooftaanillee, «Inni kun worra Yihuudii hin taane, moototaa fi ijoollee Israa'elootaa afo'otti akka maqaa kiyya baadhatuuf meeshaa naaf filatame waan ta'eef deemi.


Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, worra rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.


gara worra sami'itti maqaan isaanii barreeffamee, gara tokkummaa hangafa abbaa murti'ii maraatuu ka ta'u, gara Rabbii, gara lubbuu qajeellota guutu'uu,


Abbaan keessan ka sami'ii akkuma guutuu ta'e, isinillee guutuu ta'aa'a.»


hunna qabeeyyii ol gubba'aa gad bu'u uumama addaallee yoo ta'e, jaalala Rabbii ka karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessan arganne keessaa nu baasuu akka hin dandeenne hubadheera.


Hulee wol morkii fiigichaatitti namni maruu hin fiiga. Haata'uu ammoo ka badhaafamu tokkicha akka ta'e hin beettanii? Isinillee akkasuma akka badhaasa argattan fiigaa'a.


Adha akka waan ufargaa dimimmisaa keessa laaluuti; hennaa san ammoo addaata'atti wol argina. Wonti amma beeku hago'o. Hennaa san ammoo anillee akkasuma akka beekkame hin beeka.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin kaddaamnu, ka Kiristoos Yesuusiin dhaadannu nu worra waan foonii hin hedanne worra gadoomne waan taaneef.


Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee isaaf jedhee, waa maraan miidhame.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite