Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Haata'uu ammoo, Inni akka garbichaa ta'ee, duwwaa uf godhee; gadi uf deebisee; nama fakkaatee mudhate.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Gonkumaa kabaja qabu maraa dhiisee akka garbichaa ta'ee ni muldhate, akka namaa titti'llee ni dhalate, Fakkeenna namaatiin'llee ni muldhate,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Haa ta'uu ammo Inni akka garbichaa ta'ee, duwwaa uf godhee; gadi uf deebisee; nama fakkaatee mudhate.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:7
31 Referans Kwoze  

Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beetaniirtaniif, dureessa uduu ta'u, isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e.


Akkasuma Ilmi Namaa lubbuu ufii kennee nama maraa furu'uuf dhufe malee, isaaf haa hojjataniif hin dhufne» jedhe.


Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.


Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe, Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee cubbuu akka haqu godheera.


Haata'uu ammoo, barri murtayee sun hennaa gaye, Rabbi ilma ufii ka dubartii irraa dhalate, ka Seeraa gad ta'e erge.


Cubbu'uun achitti waa maraanuu akkuma keenna qorame; gadicha hayyicha dadhabbii keennatti garaa nuu hin laafne hin qabnu.


Kiristoos waan uf hin gammachifneef. «Tuffiin si tuffatan narra gayeera» jedhamee akkuma barreeffame isa irratti ta'e.


Ka hurbaata'aaf taa'e yookiin ka hojjatu keessaa kamtu gudda'a? Ka taa'ee mitii? Ani ammoo isin eddu'utti akka hojjata'ati.


Dubbii abdi'ii ka abboota keenna ittiin jabeessu'uuf kenne, akkasuma «Kanaaf worra Yihuudi hin taane jiddu'utti si galateeffadha. Maqaa keetiifillee hin faarfadha» jedhamee akkuma barreeffame, worri Yihuudi hin taane waan araara isaatiif Rabbiin akka kabajjan, Kiristoos waan dhugaa Rabbiitiif tajaajilaa gadoomu'uu ta'e jedha.


Inni adaba Rabbiitiin jiraata'aa uduu jiru, Ulfinna Rabbummaa Rabbii woliin isa qixxeessu akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne.


wonni raagamellee, «Kunoo, hojjataan kiyya, ka ani filadhe, jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddiftee itti gammadde. Ayyaana kiyya isa irra kaaya, innillee worra Yihuudota hin ta'iniif murtii dhuga'aa lallaba.


Akka waan isaan woliin hidhamtaniirtanii ta'a'aa worra hidhame yaadadhaa'a. Akka waan isaan woliin rakkattanii jiraata'aartaniititti worra rakkataniillee yaadaa'a!


Oduun Nagayaa kun waan fooniin fiixaa Daawitii irraa dhalateef, akka Ayyaana Woyyu'uutittillee ammoo du'oota keessaa ka'ee, hunna gudda'aan Ilma Rabbii ta'ee mudhatee waan Ilma isaati; Innillee Gooftaa keenna Yesuus Kiristoos.


Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haata'uu ammoo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree?


Dadhabbi'iin fannifameera. Haata'uu ammoo, hunna Rabbiitiin jireennaan jiraata. Nullee akkasumaa isa woliin waan dadhabneef. Haata'uu ammoo waan isinii ta'een hunna Rabbiitiin isa woliin jireennaan jiraanna.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite