Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookiin sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haata'uu ammoo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara-laafumma'aan haa laalu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Gara laafnnaan guutamttanii namoonni kuunniin isin irra akka fooyaya qaban taasisa'aatii lakkaayaa malee, mataa keessan jaalalaan yookiin «Ana malee eennutu jira» ufi dhaadu'uutiin jedhuun, womaayyuu hin raawwatinaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookaan sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haa ta'uu ammo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara laafumma'aan haa laalu.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:3
24 Referans Kwoze  

Jaalala obbolumma'aatiin isin wol jaaladhaa'a; Wol kabajjaa'a.


Ufii wolitti kakka'aa, hinaaffaa duwwa'aan akka uf hin janye.


Isin martinuu ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii, wolii ajajamaa'a.


Kasoo Ta'u'uun gara laafumma'aan, Obsa maraan, jaalalaan wolii obsaa'a.


Kanaafuu ka'imman! Manguddootaa fi ajajamaa'a, marti keessanuu wol jaalachu'uun wol gargaara'aatii kasummaa akka uffataa uffadhaa'a. «Rabbi worra uf jaju hin morma;, worra kaso'oo ammoo badhaadha kenna»


Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara-laaffeeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, hamaa uduu hin yaanne maraa godhaa'a.


Haata'uu ammoo isin uduu wol ciniintanii fi wol nyaattan akka wol hin balleessine uf eegaa'a!


Uf jajjuun bokkoke. Rabbiin qoruun, dubbi'iin wol woraanuu lola hammaa uf keessaa qaba. Kanniin keessaa hinaaffaa, mormuu, nama arrabsuu, yaada bada'aa fi Aaruu fa'a. Worra qalbii hin qabne, worra dhugaan irraa fudhatamte, worra Rabbiin sodachuun isaan keessa hin jirretu isaan keessatti argama. Namoota akkanaa kanniin irraa fagaadhu.


Ani akkana isiniin jedha. Namicha fariisicha san irra namichi qaraxa guuru sun Rabbiin afo'otti qajeelaa ta'ee gara mana ufii deebi'e, namni ol uf qabu maruu hin salphata. Namni uf salphisu ammoo hin kabajjama.


Amma ammoo isin lola, aaruu, dhara, nama arrabsu'uu fi dubbii nama saalfachiisu kanniin maraa uf keessaa balleessaa'a.


Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in, na argitan jedhee sodaadha. Maallaataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.


Worra yaada foonii qabu waan taataniif, haga ammaa nyaata jabaa nyaachuu hin dandeettan. Hinaaffa'aaf mormiin waan isin keessa jiruuf worra fooniin yaadu ta'u keessanii mitii? Akka Aadaa namaatitti deddeebitanii?


Ani ergamoota maraayyuu gadi waan ta'eef, Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii waan ari'eef, ergamaa jedhamee waamamuun naaf hin ta'u.


Akka nama ifa guyya'aa keessa jiraatuutitti seeraan haa jiraannuu malee, sirbaa fi machi'iin hin ta'in; seebaru'uu fi wol qirqissuun hin ta'in.


Worra nama didanii bu'aa ufii soqaniif hammeeyyii ta'anii waan mishaa dhiisanii fi hammeenna duukaa worra deeman lola Rabbiitii fi bala'atu isaan irra gaya.


Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalatamanillee taatanii, araara, gara-laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a.


Waa maraanuu isin martinuu yaadaan tokko ta'aa'a. Rakkoon nama biraa akka waan keessan ta'eetitti laakkayaa'a. Akka obboleewwaniititti wol jaaladhaa'a, gara-laafeyyi'iif kasoo ta'aa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite