Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:26 - WAADAA LAMMATAA

26 Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

26 Isa gara keessan ka ergu'llee mara keessanuu argu'uuf yaaduu isaatii fi isaan'llee dhukkubsachuu isaa dhagayu'uun waan sarddameef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

26 Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:26
23 Referans Kwoze  

Jaalala Kiristoos Yesuusiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a.


Kanaafuu waan keessaniif rakkinna na irra jiruuf akka hin dadhabne isin kadhadha. Kun ulfinna keessan waan ta'eef.


Worra gammadan woliin gammadaa'a; ka boyu woliinillee booyaa'a.


Kanaafuu worri ani yaaduu fi jaaladhu badhaasaa fi gammachu'uuf kallacha kiyya worri taatan, obboleeyyan tiyya! Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.


Hin sobu; sammuun kiyya ka Ayyaana Woyyu'uun masakkamullee, akka ani hin sobne naa raga.


Pheexroosii fi ilmaan Zabdewoosii lamaanuu fudhatee, yaadda'uu fi gadduu jalqabe.


Isin dadhabdoonni worri ba'aan keessan isinitti ulfaate maruu gara kiyya koottaa'a. Ani hara isin baafachiisa.


Kanaan guddiftanii gammaddan. Haata'uu ammoo, worqii ibiddaan haga fedhe qoramee baddu caalaa amantaan keessan kabajjamaan qorame hennaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufu akka gaalata ulfinnaa fi jajamuu isinii ta'u amma ammoo hennaa diqqo'oof qormaata gara garaatiin gadditaniirtan.


Hennaa maraa kadhaa kiyyaan waan keessan maraa gammachu'uun Rabbiin kadhata'aa guyyaa duraatii jalqabee haga ammaa Oduu Nagayaa lallabu'uun na woliin waan hojjattaniif henna isin yaadu maraa Rabbi kiyya hin galateeffadha.


Isin keessaa gari gariin ba'aa nama kaanii haa baadhatuu, akkasuma seera Kiristoosii raawwadhaa'a.


Isaan hennaa isinii Rabbiin kadhatan badhaadhummaa waa maraa caalu saniif isin yaadan.


Qaamni tokkollee uduu rakkatee qaamni maruu isa woliin rakkatan, qaamni tokko yoo ulfinna argate qaamni maruu isa woliin gammada.


Akka isin jabaataniif kennaa Ayyaanaa isinii qoodu'uuf isin arguu hawwa.


Phaawuloos ammoo deebisee, «Booya'aati qalbii tiyya shukulsiisuun keessan maali'i? Ani waan Goofta'aatii fi waan maqaa Yesuusiitiif Yerusaalemitti du'u'uuf qophaayeera; hidhamuu caalla'aafii miti» jedhe.


Akkasuma Obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammoo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Afirodiixiin isinii erguun giddi'i.


Inni dhugamaan dhibamee du'uu gaye. Haata'uu ammoo Rabbi hin fayyiseen. Gadda irratti gadda akka natti hin edaane, gaddii sunillee anaaf malee isa calla'aafii miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite