Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:19 - WAADAA LAMMATAA

19 Haata'uu ammoo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximotewosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

19 Ani Waayee keessan dhagayu'uun akka jajabaadhuuf, Ximotewosiin dadafaan gara keessan ergu'uuf, akka ana danddeessisu Gooftaa Yesusiin abddii ni taasisa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

19 Haa ta'uu ammo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximootewoosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:19
22 Referans Kwoze  

Kanaafuu ka jaaladhuuf amanamaa ka ta'e ka Goofta'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwoosiin isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa.


Waan amantaa keessaniitiif akka isin jajjabeessuu fi akka isin gorsu, obboleessa keenna tajaajilaa Rabbii ka nu woliin Oduu Nagayaa Kiristoosii hojjatu Ximotiwoosiin gara keessan ergineerra.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Eegasuu ammallee yoo isa argitaniin, akka gammaddan, anaafille gaddi akka naa salphatu guddisee ariifadhee ergaan.


Bikka san, «Yoo Gooftaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san goona» jechuu barbaachisa.


Sababaa kanaan rakkinni narra gayeera. Haata'uu ammoo rakkinna narra gaye kanaan hin saalfadhu; ka amane waan beekuuf, yaboo itti kenne haga gaafa guyyaa sanii akka eeguu danda'u hubadheera.


Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa; amantaan keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galateeffachuun keenna sirri'i.


Isinillee akkasuma dubbii dhuga'aa, innillee Oduu Nagayaa keenna ka isin fayyise dhageettanii akkasuma Kiristoositti amantanii Ayyaana abdi'iitiin Ayyaana Woyyu'uun chaappeffamtaniirtan.


Ximootiwoosii na woliin hojjatuu fi akkasuma firri kiyyallee, Luuqiyoos, Iyyaasoonii fi Susiipheexiroosillee nagaya isinii dhaamaniiran.


Akkasuma Isaayyaasillee, «Ka fiixaa Isseyii keessaa dhalatu hin dhufa; inni worra Yihuudii hin taane bulchu'uuf hin ka'a, worri Yihuudii hin taane abdii godhatan» jedha.


Worri Yihuudota hin ta'innillee abdii isaa hin argatan.


Phaawulos gara darbe'ee fi Lisxira'aa gaye. Achi mucaa intala Yihuudii amantee darasaa Ximootewoos jedhamu tokkotu jira. Abbaan isaa ammoo nama Giriikii ti.


Isinillee akkasuma gammadaa'a. Na woliinillee gammadaa'a.


Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe, maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantaa keessan beeku'uuf isa ergeera.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite