Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:15 - WAADAA LAMMATAA

15 Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 Kun'llee yoo ta'e dhaloota daba'aa fi badaa kana jiddu'utti, heeyibi'ii fi ashaan ka isaanitti hin jirre qulqulluuwwan ijoollee Waaqaa ta'u'uun, biyya lafaa kanatti akka urjjiiwwan titti ni ifittan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhattan.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:15
42 Referans Kwoze  

Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu.


Waandhi nagayaa qaama keessan hooma'aa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.


Kanaafuu jaalatamtoota tiyya, waan kana eeggata'aa fafaa fi mudaa malee nagayaan Rabbiin woliin akka jiraattan jabaadha'aa cimaa'a.


Innillee akkasuma guyyaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii mudaa malee akka jiraattan haga dhumaa isin dhaaba.


Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi.


Isin ammoo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame.


Abbaan keessan ka sami'ii akkuma guutuu ta'e, isinillee guutuu ta'aa'a.»


Kunniinillee akkasuma duraa haa qoratamanii, achiin maayessa worra mudaa hin qabne yoo ta'an, gargaartoota ta'anii haa tajaajilanii.


Eegasuu tooyataan, ka mudaa hin qabne, nama haadha manaa tokkotii qabu, ka uf qabuu fi ka hagatti jiraatu, ka akka barbaadamutti hojjatu, ka keessummaa simatu, ka barsiisuu danda'u,


Xurii yookiin fula qonshooruu yookiin waan akkana jiru uduu isii irratti hin taane, woyyitti'iif ta mudaa hin qabne akka taatu, woldaa Kiristaanaa kabajjamtuu ta ufii godhatuu barbaade.


Ajajamuun keessan nama maraa biratti waan dhagayameeruuf, eegasuu isinitti hin gammada, haata'uu ammoo waan misha'aaf ogeeyii ta'aa'a; wonti hamaan ammoo akka isin hin qabne barbaada.


Jecha biraa heddu ragee, «Dhaloota dabaa kana jalaa uf oolchaa'a» jedhee isaan gorse.


Yesuus ammallee, «Ani akka hoolotaa Yayyii jidduu isin erga; maarre akka Bofaa qaroo, akka handari'ii gara-laafeyyii ta'aa'a.


Woyyu'uuf ka dhara hin qabne, ka mudaa hin qabne ka cubbamtoota irraa fooyamee fi ka samii irratti kabajjame hayyichi gadichi akkanaa kun nu barbaachisa.


Kana maraa baali'iin dubbadhu, gorsi, uf eeggachiisi. Eennullee si hin tuffatin.


Manguddoonni Woldaa Kiristaanaa ka mudaa hin qabne, haadha manaa tokkotti'ii fi ka ijoollee amanan qabu, waan adaba dhabu'uutii fi ajajamu diidu'un ka hin himatamne yoo jiraate, muudi.


Worri biraallee akka sodaatan, worra cubbuu hujan nama maraa afo'otti gorfadhu.


Inni ibsoo bobayuu fi ifu. Isinillee bara diqqo'oof ifa sanitti gammaduu barbaaddan.


Isin garuu diinota keessan jaaladhaa'a; waan mishaa isaanii godhaa'a, womaa uduu abdii hin goone liqeessaa'a; yoo san gatiin keessan guddaa ta'a. Ijoollee Rabbii taatan. Inni worra isa hin galateeffanneef, worra hamootaafuu arjaa waan ta'eef.


Yesuus deebisee, «Isin dhaloota daba'aa fi worra hin amanne nana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya fidaa'a!» jedhe.


Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa.


Eegasuu durboonni qacaleen akka heeruman, ijoollee akka dayanii fi mana ufiillee akka bulchan, Worri nu mormu maqaa akka nu hin balleessine isaan kana gorsa.


Isaanillee mudaa malee akka jiraataniif ajaji.


Kanaafuu Gooftaan, «Isaan keessaa bayaa'a gargar fooyamaa'a. waan battii hin tuqinaa'a. anillee isin simadha; abbaallee isinii ta'a. Isinillee ijoollee dhiiraatii fi ijoollee intalaa naa taattan jedha Gooftaan maraa bulchu.»


Isaan lamaanuu ajaja Goofta'aatii fi seera maraanuu mudaa malee jiraachu'uun Rabbiin afo'otti qajeellota turan.


Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamu yoo na gaafattan mudaa malee ture.


Eeganaa maal irraa akka kufte yaadadhu. Aagiillee gali hujii kee ka duraa san hojjadhu. Yoo cubbuu irraa deebi'uu baatte sitti dhufee baattuu ibsa'aa kee hule'ee fuudha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite