Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:13 - WAADAA LAMMATAA

13 Waan fedha isaa mishaa soqu'uu fi raawwachuullee ka isin keessa kaayu Rabbiin waan ta'eef.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

13 Waaqinni ajajamummaa isiniif kenna'aa kaayyoo isaa gara muumme'eetiin gayu'uuf, isin keessatti ni hojjata.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Waan fedha isaa mishaa soqu'uu fi raawwachuullee ka isin keessa kaayu Rabbiin waan ta'eef.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:13
39 Referans Kwoze  

karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isiin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Gawumsi keenna Rabbiin irraa malee akka waan harka keennaan ta'ee waan tokkollee yaadu'uuf nu gaya'aa miti.


Ka nu fayyisee fi ka waamsa woyyu'uun nu waame Rabbiin waan ta'eef, kunillee akka yaada isaatiif haga badhaadha isaatiin malee, akka hujii keennaatiinii miti. Badhaani kun bara hedduun dura Yesuus Kiristoosiin irraan nuu kenname.


Eegasuu araarri worra jaalateefii miti; yookiin ka fiigeefii miti. Rabbii araara namaa kennu irraa malee.


Haata'uu ammoo, ani ka badhaadha Rabbiitiin ergame. Badhaadhummaan naa kennamellee duwwaa hin turre; isaan maraa caalaa ammoo natu dadhabe; Haata'uu ammoo badhaadhummaa Rabbii ka na woliin jiru malee, anaa miti.


Yohaannis deebisee akkana isaaniin jedhe, «Yoo samii irraa kennameef malee, namni waan tokkollee argatuu hin danda'u.


Rabbi waa maraa akka fedha ufiitii fi gorsa ufiititti hojjatu, akkuma duraan murteesse ammallee isaa akka taanuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate.


Akkaataan hujii isaallee adda adda, Rabbiin maraa godhu ammoo tokko.


Kanaafuu akkuma Ayyaana Waaqa keennaa akkuma Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii maqaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin biratti ulfaachu'uuf, isinillee isa biratti ulfaachu'uuf, Waandhi Gooftaan keenna isaan waamamu'uun worra gayaa akka taatan godhee akka isin laakkayu, fedha mishummaa isaa maraaf, hujii amanta'aa jabeennaan akka raawwatu, waan keessaniif hennaa maraa faateeffanna.


Akkuma fedha isaa misha'aan nu jaalate, hujii Kiristoos Yesuusiitiin ijoollee isaa akka taanu firrisee murteese.


Badhaani isaa amanta'aan isin fayyiseera. Kunillee kennaa Rabbiiti malee, hujii keessaniinii miti.


Isin gumii diqqoo'o, abbaan keessan jeennata isinii kennu'uuf fedhii mishaa isaa waan ta'eef hin sodaatinaa'a.


Akkuma karaa Kiristoosiitiin hojjachuu jaalatetti akka yaada dhossaa fedha isaa wonti nutti beessiseef,


Kanaaf isiniin jedhe, «Yoo Aabbaan irraa kennameef malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru» jedhe.


ijoolleen isaa uduu hin dhalatin mishummaa yookiin waan hamaa uduu hin hojjatin ka waame irraa malee, huji'iinii miti; yaanni Rabbii ka filanno'oon ta'u akka jabaatu.


Isaan martinuu worra Rabbiin irraa baratan ta'an jedhamee raattotaan barreeffameera. Eeganaa ka Abbaa irraa dhagayeef ka barate maruu gara kiyya dhufa.


Du'oota keessaa ka'uu Yesuus Kiristoosiitiin abdii jiraata'aa fi hin baanne ka ristii hin darbine xurii hin qabneef akka guddinna dhiifamsa isaatiin Rabbi lammaffaa nu uumate Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu. Ristiin kunillee isin worra bara dhumaa worra fayyinna hunna amantaa Rabbii eeggattaniif samii isinii taa'a.


Harki Goofta'aallee isaan woliin ture. Namoonni hedduu amananii gara Goofta'aa deebi'an.


Akkasuma isin martinuu haga amantaa Rabbi isinii kenneetiin akka yaaddaniif malee, haga yaaduu barbaachisuu olitti uf jaju'uun waan keessaniif hin yaadinaa'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinitti dubbadha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite