Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Yaa waaheloota! Ani yeroo isin woliin turetti yeroo maraa ajajamoota akka turttan, gonkumaa amma yeroo isin irraa fagaadhee jirutti caala'atti ajajamoota akka taataniif isin ni yaadachiisa, Kanaaf tokko tokkoon keessan fayyinna keessan muda maleessa taasisu'uuf, soda'aa fi kabajaan hisadha'aatii hojjadhaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:12
41 Referans Kwoze  

Kanaaf obboleeyyan tiyya! Jaalatamtoota dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane, waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.


Eeganaa eennullee ajajamuu didu'uun kufee akka hin hafne gara hulee harabaafanna'aa kana seenu'uf haa jabaannuu.


Goshoota tiyya, biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa taatanii irra jiraattan keessatti hawwii foonii ta lubbuu teessaniin wol lolu irraa akka fagaattan isin kadhadha.


Qanbaraa kiyya baadhaa'a. Narraallee baradhaa'a. Ani gara laafeessaa fi Kasoo waan ta'eef, lubbuu teessaniin harabaafata argatanii.


Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a.


Badhaadhumma'aa fi beekkomsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Haga kun maruu raawwatameen maayii, Rabbiin akka muudama Malkasaadiqii hayyicha gadootaa jedhamee waan waamameef, worra isaa ajajaman maraaf madda fayyinna bara baraa isaanii ta'e.


Kanaafuu isinillee fayyinna karaa Yesuus Kiristoosiitiin argamu ulfinna bara baraa woliin akka argattan waan worra filatameetiif waan maraanuu hin jabaadha.


Eeganaa abdiin harabaafataa ta inni nuu kenne sanitti galu'uuf waadaan galu'uu ammallee waan banaa jiruuf isin keessaa eennullee carraa galu'uu akka hin dhabne uf haa eennuu.


Eeganaa raattota hagana gayan, naannaya kenna eeganuu jiraatan, nullee akkasuma ba'aa maraa, cubbuu daddafee nu marsu balleessinee, Yesuusii mataa amantaa keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf.


Kanaafuu worri ani yaaduu fi jaaladhu badhaasaa fi gammachu'uuf kallacha kiyya worri taatan, obboleeyyan tiyya! Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.


Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa isaanii kenna.


Kun waan Kiristoosiitiif, isinii waan kennameeruuf. Waan isaatiif akkasuma isatti amanuu callaa uduu hin taane, waan isaatiif akkasuma rakkinnillee isin irra gaya.


Kanaaf soddachu'uu fi hollachu'uun attamitti akka isa simattan ajajamuu keessan maraa yaada'aa jaalalti inni isiniif qabu kana caalaa eda'ameera.


Anillee dadhabi'ii fi soda'aan holluu gudda'aan isin bira ture.


Isin Garboonni akkuma Kiristoosii ajajamtan, kabajja'aa fi soda'aan yaada qajeela'aan worra fooniin gooftaa isinii ta'anii ajajamaa'a.


Bara Yohaannisii cuuphaa irraa jalqabee, haga ammaa jeennanni sami'ii hunnaan dhiibama'aarti; worri itti galu'uuf jabaatanii tattaafatan hin argatan.


Hollata'aatti maalalfatee, «Gooftaa kiyya! Akka maal godhu feeta?» jedheen. Gooftaanillee, «Ka'iitii gara qacha'aa seeniitii waan godhuu si barbaachisu sitti himan» jedheen.


Haata'uu ammoo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximotewosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.


Akka ijoollee jaaladhuutitti isin gorsu'uuf malee, isin saalfachiisu'uuf kana isinii hin barreessu.


Isin namoota Filiphisiyuusii, jalqaba Oduun Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.


Ibsaa kadhatee gara keessaa ol fiigee hollata'aa Phaawuloosii fi Sillaasiin afo'otti kufe.


Ka isiniin hujii mishaa jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufutti akka raawwatu kana waan hubadheeruuf.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite