Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara-laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Kristosiin jajabaachuu yoo qabaattan, jaalala isaatiin ka jajabaattan yoo taatan, Hafuura Qulqulluu woliin'llee tokkummaa yoo qabaattan, ufii keessanii'llee wolii mishumma'aa fi garaa laafnna yoo wolitti muldhifttan,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:1
42 Referans Kwoze  

Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalatamanillee taatanii, araara, gara-laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a.


Ka Rabbiin arge eennullee hin jiru. Nu yoo wol jaalanne, Rabbi nu keessa jiraata. Jaalalti isaallee nu keessatti guutu'u.


Ayyaanni Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, jaalalti Rabbiitii fi tokkummaan Ayyaana Woyyu'uu isin maraa woliin haa ta'u. Amiin!


Onneen isaanii akka jajjabaatu jaalalaanillee wol ta'anii gara qalbifannaa hubanna'aan argamuutitti, gara durummaa mara akka gayan, dhossaa Rabbii isallee Kiristoosiin akka beekaniif wondhanssa isaaniif baya.


Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu martinuu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf, nu martinuu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra.


Daraaraan Ayyaanaa ammoo, jaalala, gammachuu, Nagaya, obsa, arjummaa, mishooma.


Ilmaan isaa waan taaneef, Rabbi Ayyaana, «Abbaa, Abbaa» jedhee waamu gara keenna erge.


Worri amanan garaa tokko fi yaada tokko qaban. Wonti isaan qaban martinuu ka woliiti malee, ka qaban keessaa eennullee kiyya jedhee hin dubbane.


Ka ajaja isaa eegu maruu, isaan jiraata. Innillee isaan keessa jiraata, akkaataa kanaan akka nu keessa jiru Ayyaana isaa ka inni nuu kenneen beenna.


Ammallee gara kee hin dhufa isaan biratti gammachuun kiyya ka raawwatame akka isaaniif ta'u kana biyya lafaa keessatti dubbadha.


Nullee jaalala Rabbi nuu qabu beenneerra. Amanneerralle'e. Rabbi jaalala; ka jaalalaan jiraatu Rabbiin keessa jiraata, Rabbillee isa keessa jiraata.


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin kaddaamnu, ka Kiristoos Yesuusiin dhaadannu nu worra waan foonii hin hedanne worra gadoomne waan taaneef.


Isin mana Rabbii akka taatan Ayyaanni Rabbiillee akka isin keessa jiraatu hin beettanii?


Akkasuma Ayyaanni dadhabbii keenna nu gargaara; attamitti akka kadhannu nu waan hin beenneef, haata'uu ammoo Ayyaanninuu worwaata himaamu hin dandeenneen nuu kadhata.


Ayyaana Woyyuu nuu kennameen jaalali Rabbii waan qalbii kenna keessatti guuteef abdiin kun nu hin saalfachiisu.


Gaafuu garaa tokko ta'anii mana sagadaatitti jabaatanii mana isaaniitittillee xoroshoo woliin nyaata'aa gammachu'uu fi garaa qulqullu'uun hurbaata ufii nyaatan.


Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramneef ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna.


Jaalala Kiristoos Yesuusiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a.


Waamamuu keessaniif akkuma hennaa waamatan abdii tokkoon waamamtan mara, qaama tokkoo fi Ayyaana tokko qabdan.


Haata'uu ammoo karaa Kiristoosiitiin hennaa maraa mooyanna'aan ka asii fi achi nu naanessu ka nuun hulee marattuu urgaa beekkomsaa ibsuu, Waaqaa galanni haata'u.


Boona Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosiif isiniin qabuun kakata'aa, obboleeyyan tiyya ani guyyaa guyyaan du'a.


«Ani nagaya isinii dhiisa. Nagaya kiyyallee isinii kenna, nageenni ani isinii kennu, ka akka Adunyaan isinii kennituu miti. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatina'alle'e.


«Ani akka ijoollee abbaa hin qabneetitti ani isin hin dhiisu gara keessan dhufa.


Hennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yeruusaalemiin keessa jiraatu tokkotu jira. Inni nama qajeela'a, ka jiruu ufii Rabbiif kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatu; ka Ayyaanni Woyyuun irra jiru ture.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite