Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:9 - WAADAA LAMMATAA

9-11 Ulfinnaa fi galanni Rabbiif, daraaraan qajeellumma'aa ka Yesuus Kiristoosiin irraa argamu isin keessa guutee, guyyaa gaafa Kiristoos dhufuutitti qophooftanii, qajeellootaa fi mudaa malee akka taataniif waan mishaa qorattanii akka jaalattan, jaalalti teessan beekkomsaa fi hubannaa maraan ka duraa caalaa guddatee akka badhatu ani kana isinii kadhadha.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Jaalallitti keessan ka beekkomissaa fi hubannaan itti guuttame ta'ee guddata'aa akka deemuuf, ni kadhadha.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9-11 Ulfinnaa fi galanni Rabbiif; daraaraan qajeellumma'aa ka Yesuus Kiristoosiin irraa argamu isin keessa guutee, guyyaa gaafa Kiristoos dhufuutitti qophooftanii qajeellotaa fi mudaa malee akka taataniif waan mishaa qorattanii akka jaalattan, jaalalti teessan beekkumsaa fi hubannaa maraan akka ka duraa caalaa guddatee badhatu ani kana isinii kadhadha.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:9
19 Referans Kwoze  

Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos woyyoota maraa woliin hennaa dhufu, afoo Waaqa Abbaa keennaa, woyyootaa fi worra mudaa hin qabne isin taasisee, onnee keessan akka dhaabu akkuma nullee isinii taane Goofta'aan waan wolii qabnu jaalala maraafuu ta'uun isinii haa guddisu, haa eda'ullee.


Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhagenne irraa jalqabnee, fedha beekkomsa isaa ogummaa Ayyaanaa hubbannaa sammuu keessan maraa akka isinitti guutuuf waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne.


Tokkummaa amantaa keetii ka nu biraa qabdu waan mishaa maraa beeku'uun waan Yesuus Kiristoosiitiin akka daraaraa godhattu Rabbiin sii kadhadha.


Fakkeenna ka isa uumee akka fakkaatu, beekkomsa argachu'uun ka haarawoomfame, namummaa haarawaa uffattaniirtan.


Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuullumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.


Haata'uu ammoo waa maraanuu amanta'aaf dubbi'iin, beekkomsaan, ciminna maraan nuufillee jaalala keessaniin bu'aa akkuma qabdan hujii arjumma'aa kanaanillee akkasuma bu'aa qabaadhaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'iman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a.


Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa; amantaan keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galateeffachuun keenna sirri'i.


Badhaadhumma'aa fi beekkomsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Dhiyanni jabaan ammoo worra waan misha'aa fi waan hamaa addaan baasuuf worra waa hubatanii fi worra yaada guutu'uutiif barbaachisa.


Kanaaf fedhiin Rabbii maal akka ta'e hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa'a.


Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya, attamitti akka jiraattaniif, Rabbiinillee gammachiisuu attamitti akka dandeettan, nurraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baayi'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna, isin gorsinalle'e.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite