Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Jaalala Kiristoos Yesuusiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

8 Jaalala Yesus Kristositiin mara keessanuu hagam akka isin yaadu, Waaqinni ragaa kiyya.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:8
24 Referans Kwoze  

Kanaafuu worri ani yaaduu fi jaaladhu badhaasaa fi gammachu'uuf kallacha kiyya worri taatan, obboleeyyan tiyya! Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.


Oduu Nagayaa ka Ilma isaa ka ayyana kiyyaan tajaajilu Rabbi waan ragaa kiyya ta'eef, maal laataa yoo heddu turellee gara keessan amma akka dhufu fedha Rabbiitiin karaan akka naa banamuuf Rabbiin kadhata'aa hennaa maraa yoo faatefadhu waan keessan uduu addaan hin kutin kadhadha.


Imimmaan kee yaada'aati gammachu'uun guuttamu'uu fi si arguu hawwa.


Akkasuma isin jaalata'aa Oduu Nagayaa ka Rabbii qooduu callaa uduu hin taane, lubbuu teennallee akkasuma isinii keennuun fedhaa fi jaalala keenna. Waan jaalatamtoota keenna taataniif.


Gadda gudda'aa fi dhiphachuu addaan hin cinnetu garaa kiyya keessa jira yoo jedhu, Kiristoosiin keessa ta'ee dhugaa dubbadha.


Ani isa erga, inni nama yaada garaa kiyyaa guutu waan ta'eef simadha'aan.


Waan keessaniif worra Lodoqiyaa jiran fuula kiyyallee worri hin argine martinuu dadhabbii guddaa attamii akka qabu akka beettan fedha.


Ijoollee tiyya! Haga bifti Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ammallee waan keessaniif akka dubartii deettuutitti ciniinsifadha.


Wonti ani isinii barreessu kun dhara akka hin taane, Rabbi hin beeka.


Kanaaf soddachu'uu fi hollachu'uun attamitti akka isa simattan ajajamuu keessan maraa yaada'aa jaalalti inni isiniif qabu kana caalaa eda'ameera.


Isintuu garaa nu dhoffate malee, nu garaa isinitti hin dhoffanne.


Waandhi keenna Waaqa araaraatii fi gara-laafessa waan ta'eef, Inni aduun fayyinnaa gubba'aa akka nuu ifu taasisa.


Haata'uu ammoo qabeenna adunyaa tanaa uduu qabu hennaa obboleessi isaa waan isa barbaachisu dhabe argee garaa hin laafneef eennullee yoo ta'e, attamitti jaalalti Rabbii isa keessa jiraatti ree?


Obboleessa kiyya! Maqaa Goofta'aatiin waan kana naa godhi; Kiristoosiin keessan garaa naa qabbaneessi.


Akkuma isin beettan, akkuma Rabbillee nuu ragu dubbii sossobu'uutiin hin dubbanne. Kajeellaa dhoffachu'uuf jennee hin fakkeessine, hin hojjannelle'e.


Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalatamanillee taatanii, araara, gara-laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a.


Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.


Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara-laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.


Nu dadhabnee, isin jabaa hennaa taatan waan gammanneef. Isin guutuu akka taatan, kanaafillee akkasuma hin faateffanna.


Karaa amanta'aatiin marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti ijoollee Rabbii waan taataniif,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite