Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif, ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Oduun Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Dubbiin Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:7
34 Referans Kwoze  

Kana murti'iif hin jedhu, tokkumma'aan du'u'uuf tokkumma'aan jiraachu'uuf, garaa keenna keessa akka jirtan firrisee jedheera.


Ani waan Kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammoo hin dhaamu.


Nageenni ani Phaawuloos harka kiyyaan barreesse kana. Hidhamuu kiyya yaadaa'a! Badhaanni isin woliin haata'u.


Ta'ullee hennaa rakkoo kiyyaa na woliin waan qoodamtaniif mishaa gootaniirtan.


Oduun Nagayaa kunillee isuma ani haada sibiilaatiin hidhamee ergamaa ta'eef, akka dubbachuun na irraa eeggamutti waan isaa addaataa akka dubbadhu Rabbiin naa kadhadhaa'a.


Kanaaf isin waan worra Yihuudii hin taane taataniif ani Phaawuloos ka waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhamaa ta'e, waan keessaniif Rabbiin afo'otti jilbiiffadha.


Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hidha'aa fi rakkinnatu si eeggata'aara jedhee qachaa marattuu naa raga'aara.


Nu worra obboleewwan keenna jaalatu waan taaneef kanaan du'aa gara jireennaa akka ceene beenna. Ka obboleessa ufii jibbu du'a keessa jira.


Ani haga jiruu keessummumma'aa kana keessa jiru yaada keessan kakkaasuun waan ta'u natti fakkaata.


Haata'uu ammoo hennaa Kiristoos ulfinna ufiitiin mudhatu gammachuun keessan guddaa akka ta'u worra rakkoo isaa qoodamtan waan taataniif gammadaa'a.


Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantaa keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a.


Eegasuu waan Goofta'aa ragu'uuf yookiin anaa waan Goofta'aatiif hidhamettillee hin saalfatin, haata'uu ammoo haga hunna Rabiitiin waan Oduu Nagayaatiif na woliin rakkadhu.


Isin maruu ilmaan guyya'aatii fi ilmaan ifaati, nu worra halkanii yookiin dukkanaatii miti.


Hennaa sanillee waan dhossaa Kiristoos ka ani hidhameef akka himnu, Rabbi ergaa ufiitiif balbala akka nuu banu waan keennaafillee nuu kadhadhaa'a.


Eeganaa, ani ka waan Goofta'aatiif jedhee hidhamaa ta'e, waamsa itti waamamtaniif akka ta'utti akka jiraattan isin kadhadha.


Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Isin worra namoonni maruu beekaniif dubbisan dhaamsi garaa keenna keessatti barreeffame isin.


Maraa obsiti, maraa amanti, maraa abdii godhatti, waa maraa hin ciniinnatti.


Oduu Nagayaa keessatti hirmaataa ta'u'uuf, waan Oduu Nagayaatiif maraa godha.


Hennaa san ajajaan loltuu kumaa itti dhufee qabee shiboo sibiilaa lamaan akka hidhamu ajajee, «Inni eennuun» akka ta'eef «Maal akka godhe» gaafate.


Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u, qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa.


Obboleeyyan tiyya! kun wonti narra gayeef, dhugamaan Oduu Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.


Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mootitti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera.


Obboleeyyan Goofta'aan jiran, irra caalaan isaanii waan hidhaa kiyyaatiif amanamanii ka duraa caalaa dubbii Rabbii sodaa malee himuu uggan.


Haata'uu ammoo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Oduu Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.


Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan, kuuwwanillee waan Oduu Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran.


Isin namoota Filiphisiyuusii, jalqaba Oduun Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.


Hennaa ani mana hidha'aa jiru bikka kee akka na gargaaruuf uf biratti isa hambifachuu barbaade.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite