Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Ka isiniin hujii mishaa jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufutti akka raawwatu kana waan hubadheeruuf.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 hujii mishaa kana jireenna keessan keessatti Waaqinni jala qabe, Yesus Kristos murti'iif deebi'ee guyyaa dhufutti gara muumme'eetiin akka isa gayu ni amana.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Ka isiniin hujii mishaa jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufutti akka raawwatu kana waan hubadheeruuf.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:6
33 Referans Kwoze  

Waan fedha isaa mishaa soqu'uu fi raawwachuullee ka isin keessa kaayu Rabbiin waan ta'eef.


Nu marti keenna gara tokkummaa Ilma Rabbii amanu'uu fi beeku'uun argamuutiif gara nama guutuu ta'u'uu haga waan Kiristoosiitiin guuttamuu geennuuf tajaajila woyyootaa hojjatu'uuf qaama Kiristoosii ijaaru'uuf guutuu akka ta'an.


Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa Waandhi isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa, inninuu guutuu isin taasisa. Isin dhaaba, isin jajjabeessa.


Innillee akkasuma guyyaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii mudaa malee akka jiraattan haga dhumaa isin dhaaba.


Kanaafuu akkuma Ayyaana Waaqa keennaa akkuma Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii maqaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin biratti ulfaachu'uuf, isinillee isa biratti ulfaachu'uuf, Waandhi Gooftaan keenna isaan waamamu'uun worra gayaa akka taatan godhee akka isin laakkayu, fedha mishummaa isaa maraaf, hujii amanta'aa jabeennaan akka raawwatu, waan keessaniif hennaa maraa faateeffanna.


Eeganaa abdii uggiitii keessanii ka gatii guddaa qabu hin gatatinaa'a!


Yesuus deebisee, «Hujiin Rabbii kun, ka inni ergetti akka amantaniif» isaaniin jedhe.


Anillee akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekee ajajamuu keellee abadadhee kana sii barreessa. Kanaa achi Rabbi kadhaa keessan dhagayee,


Kun waan Kiristoosiitiif, isinii waan kennameeruuf. Waan isaatiif akkasuma isatti amanuu callaa uduu hin taane, waan isaatiif akkasuma rakkinnillee isin irra gaya.


Waan isin ajanyu amma akka gootan, duranaallee akkasuma akka gootan, waan keessaniif Gooftaa hedanneerra.


Cuupha'aanillee isa woliin awwaalamtan, ka cuupha'aan akkasuma worra du'an keessaa, hujii Rabbiitiin du'oota keessaa isa kaaseetitti waan amantaniif isa woliin kaataniirtan.


Waan maraanuu waan isin abdadheef guddisee gammadeera.


Isaan hennaa kana dhagayan cadhisaniiti, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galateeffatan.


Dubartoota nuu caqasa'aaran keessaa dubartiin qachaa Tiyaaxirooniitii dhufte; ta uffata diimaa haphii gurgurattu takkatu jira. Maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Rabbiin kaddaamtu waan taateef dubbii Phaawuloos dubbatu akka caqaftuuf Gooftaan qalbii isi'ii bane.


Waan adda ta'e horoma akka hin yaanne, ani Gooftaa waan keessaniif hedadheera eennullee ka isin raasu yoo jiraate murtee ufii argata.


Guyyaan Goofta'aa ammoo akka hattu'uu ta'ee dimmaa dhufa. Guyyaa san samiiwwan laagaa guddaa dhageessisa'aa lufan, uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan baqan. Lafaa fi wonti isii irra jiru maruu hin gubata.


Maal laataa namoonni Maqedooniya'aa na woliin dhufan uduu isin hin qophoofne yoo isin argan isin qofa uduu hin ta'in; nu worri isin abdannellee hin saalfanna.


Wonti akkasitti isinii barreesseef gara keessan hennaa dhufe worri na gammachiisuun isaan barbaachisu akka na hin gaddisiifneef jedhee, gammachuun kiyya gammachuu isin maraati jedhee isin maraa waan hedadheef.


Kanatti abdadhee, lammaffaa badhaadha akka argattan, firrisee gara keessan akka dhufu karoorfadheera.


Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.


Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite