Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:30 - WAADAA LAMMATAA

30 Rakkinnuma narratti dhageettanii fi argitan santu isin irrallee gayeera.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

30 Kanaf amma anaan woliin qoodamtoota rakkinnaa taatanii jirttan, rakkinni kun'llee asiin durana narra gayee ka argitanii fi amma'llee ka narra gaye ta'uu ka dhageettan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

30 Rakkinnuma na irratti dhageettanii fi argitan santu isin irrallee gayeera.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:30
21 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo akkuma beettan Filiphisiyuusitti dura rakkinna nu irra gayeen xaarii dadhabbii hedduun Oduu Nagayaa isinitti himuu Waaqa keennaan uggine.


Wondhaansoo mishaa bayeera; fiigicha kiyya fixeera. Amantaa kiyya eeggadheera, uf afo'otti badhaasaaf qajeellummaan naaf qophaayeera.


Cubbuu woliin wondhaansa baya'aa haga dhiinni keessan jigutti hin falmanne.


Nageenni na'aan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera, biyya lafaa keessa hennaa jirtan hin rakkattan, haata'uu ammoo jabaadhaa'a! womaa mit ani biyya lafaa mooyadheera.»


Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.


Lola amanta'aa mishaa loli jireenna bara baraa mishaa waamamteef ka raattota hedduu biratti amanamteef qabadhu.


Waan kanaafillee akkasuma na irratti hunnaan akkuma ka hojjatu hujii isaatitti wondhassa bayu'uun dadhaba.


Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mootitti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera.


Waan keessaniif worra Lodoqiyaa jiran fuula kiyyallee worri hin argine martinuu dadhabbii guddaa attamii akka qabu akka beettan fedha.


Eeganaa raattota hagana gayan, naannaya kenna eeganuu jiraatan, nullee akkasuma ba'aa maraa, cubbuu daddafee nu marsu balleessinee, Yesuusii mataa amantaa keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite