Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:27 - WAADAA LAMMATAA

27 Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

27 Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

27 Eeganaa Dubbii Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a; yoo kana ta'e, yoo dhufee isin arge yookaan isin irraa yoo fagaadhellee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessanii fi akka tokkumma'aan Dubbii Nagayaa wol geessu'uuf tattaafattaniirtan hin dhagayaa.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:27
53 Referans Kwoze  

Eeganaa, ani ka waan Goofta'aatiif jedhee hidhamaa ta'e, waamsa itti waamamtaniif akka ta'utti akka jiraattan isin kadhadha.


Haata'uu ammoo obboleeyyan tiyya! Isin maruu dubbii tokko akka dubbattan garaa tokko fi yaada tokkoon worra wol ta'u akka taataniif malee, addaan wol fooyuun isin jiddu'utti akka hin taane, Maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhadha.


Kanaafuu jaalatamtoota tiyya, waan kana eeggata'aa fafaa fi mudaa malee nagayaan Rabbiin woliin akka jiraattan jabaadha'aa cimaa'a.


Hujii mishaa maraan daraaraa daraara'aa, beekkomsa Rabbiitiinillee guddata'aa,


Obboleeyyan tiyya! Waan fayyinna keennaa uduu isiniif barreessu waan amantaa woyyootaa hennaa tokko kennamee, jabaattanii akka falmattan isin gorsa'aa isinii barreessuun barbaachisaa akka ta'e arge.


Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya, attamitti akka jiraattaniif, Rabbiinillee gammachiisuu attamitti akka dandeettan, nurraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baayi'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna, isin gorsinalle'e.


Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.


Hedduun isaanii fannoo Kiristoosiitiif diina ta'anii waan jiraataniif, waan isaanii akkana isiniin jedhee, ammumaa booya'aa isinitti hima.


Waan hafeen obboloota tiyya nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.


Worri amanan garaa tokko fi yaada tokko qaban. Wonti isaan qaban martinuu ka woliiti malee, ka qaban keessaa eennullee kiyya jedhee hin dubbane.


Kun maruu yoo ka akkanatti baqee badu ta'e, isin attamitti jiraachuu isinii woyya ree? guyyaa gaafa dhufa Rabbii eeggata'aa dhufa isaa ariifachiisa'aa, jireenna woyyu'uun namoota Rabbii fakkaata'aa jiraadhaa'a, guyyaa san samiin gubattee baxxi; uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan diiggaman.


Kanaaf obboleeyyan tiyya! Jaalatamtoota dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane, waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.


Oduu Nagayaatiin hin saalfadhu. Dura worra Yihuudiitiif akkasuma nama Giriikiitii fi worra amanu maraafuu hunni Rabbii fayyinsaaf waan ta'eef.


Daraaraan qajeellumma'aa namoota nagaya buusaniin facaafama.


Kadhaa kiyya keessatti si yaadata'aa hennaa maraa Rabbii kiyya hin galateeffadha.


Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi.


Wondhaansoo mishaa bayeera; fiigicha kiyya fixeera. Amantaa kiyya eeggadheera, uf afo'otti badhaasaaf qajeellummaan naaf qophaayeera.


Amanta'aa fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni gari gariin qalbii ufii gatanii akka markabni ka oofu malee baduu, waan amanta'aatiin waan badaniiraniif.


Gaafuu garaa tokko ta'anii mana sagadaatitti jabaatanii mana isaaniitittillee xoroshoo woliin nyaata'aa gammachu'uu fi garaa qulqullu'uun hurbaata ufii nyaatan.


Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Mootummaan wolitti ka'ee gargar wol qoqqoodu maruu hin bada. Qachaan gargar wol qoqqooddu martinuu hin jiddi.


Amma ammoo Ximootiwoos isin biraa gara keenna dhufeeti, waan amantaa keessaniitii fi waan jaalala keessanii oduu nama gammachiisu hennaa nutti hime, nullee isin argu'uuf akkuma yaannu, akka nu argitan yaada'aa hennaa maraa isin waan keennaaf mishaa akka yaaddan nutti hime.


Anillee ammoo ariifadhee akka dhufu Gooftaa hedadheera.


Kanaafuu anillee akkasuma isin biratti waan ta'uuf waan Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanu'uutiif jaalala isin woyyoota maraaf qabdan dhagayee,


Isinillee akkasuma dubbii dhuga'aa, innillee Oduu Nagayaa keenna ka isin fayyise dhageettanii akkasuma Kiristoositti amantanii Ayyaana abdi'iitiin Ayyaana Woyyu'uun chaappeffamtaniirtan.


Akkana jechuun Oduun Nagayaa ka biraa hin jira jechu'uu miti. Ta'ullee worri Oduu Nagayaa Kiristoosii irraa isin raasu'uu fi isin dabsuu barbaadan namoonni tokko tokko hin jiran.


Tajaajila kanaan waan qoramtaniif Oduu Nagayaa Kiristoosii amantanii ajajamuu keessaniin isaanii fi worra biraallee gargaarsa arjumma'aa kanaan Rabbiin kabajjan.


Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Oduu Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, waaqa adunyaa tanaa ka ta'e seexannii qalbii worra hin amannee jaamse.


Gara keessanillee hennaa dhufu eebba Kiristoosii guutu'uun akka dhufu hin beeka.


Haata'uu ammoo maal jedha? Afaanii fi garaa kee keessa ta'ee dubbiin Rabbii si bira jira. Kunillee dubbii amanta'aa ka lallabnu.


Oduu Nagayaa ka Ilma isaa ka ayyana kiyyaan tajaajilu Rabbi waan ragaa kiyya ta'eef, maal laataa yoo heddu turellee gara keessan amma akka dhufu fedha Rabbiitiin karaan akka naa banamuuf Rabbiin kadhata'aa hennaa maraa yoo faatefadhu waan keessan uduu addaan hin kutin kadhadha.


Isaa fi maqaa isaatiif worra Yihuudota hin taane maraa jiddu'utti akka ajajamuun amanti'iin ta'e argamu, badhaadhuma'aa fi ergamummaa fudhanne.


Guyyaa hago'oon maayessa Filiksi haadha manaa ufii ta Diruusillaa jedhamtu ta gosa Yihuudi'ii woliin dhufee, Phaawuloosiin waamsisee, waan Yesuus Kiristoositti amanu'uu waan Phaawuloos dubbatu dhagaye.


Nu biyyi teenna samii waan ta'eef, achiillee ammoo qorichi deebi'ee dhufa jennee eeggannu Gooftaa Yesuus Kiristoos.


Kanaafuu worri ani yaaduu fi jaaladhu badhaasaa fi gammachu'uuf kallacha kiyya worri taatan, obboleeyyan tiyya! Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite