Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:15 - WAADAA LAMMATAA

15 Gari gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een falmu'uun kuuwwan ammoo fedhii mishaa waan qabaniif waan Kiristoosii himan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 Haa ta'u malee tokko tokkoon isaanii dubbii gammachuu Kristosii ka lallaban hinaaffa'aan, kuunniin'llee hafuura mormmiitiin, kuunniin garuu Kristosiin ka lallaban onnee fayya'aatiin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Gari gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een falmu'uun; kuuwwan ammo fedhii mishaa waan qabaniif waan Kiristoosii himan.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:15
22 Referans Kwoze  

Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookiin sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haata'uu ammoo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara-laafumma'aan haa laalu.


Namoonni akkanaa kunniin ergamtoota Kiristoosii fakkaatu'uuf uf jijjira'aa worra kijibdootaa fi ergamtoota dhara hojjatan.


Kiristoos Yesuusiin Gooftaa akka ta'e malee, waan ufii waan hin himneef. Waan Yesuusiitiif jennee tajaajilaa keessan taaneerra.


Nu'u dubbiian naa fi Silwaanosiin ka Ximootewoosiinillee isin wodhakka'atti lallabame Ilmi Rabbii Yesuus Kiristoos, Eeyi'ii fi wa'aa hin ture. Haata'uu ammoo isaan eyiin ta'eera.


Namatti uf mudhisu'uuf jedhanii hujii isaanii maraa hojjatan. Qudhaama jechoonni barreeffama Woyyuu keessa jiru, ka addaa fi irree ufii irratti hidhatan babadhisanii qudhaamatan; handaara uffata uffatanii faateffatanillee hin dheereffatan.


Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.»


Haata'uu ammoo, garboota nu godhatu'uuf wolabummaa karaa Kiristoosiitiin arganne san gaadu'uuf obboloonni sobduun dhossa'aan hulluuqanii nu keessa seenan.


Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in, na argitan jedhee sodaadha. Maallaataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.


Hiyyeeyyii nyaachiisu'uuf, waan qabu maraa yoo qoode, foon kiyyallee yoo ibiddaaf kenne, jaalala ammoo yoo hin qabaanne, womaa hin fayyadu.


Nu ammoo Kiristoosii fannifame lallabna. Kunillee Yihuudotaa gufu'u, worra Yihuudii hin taanee gowwumma'a.


Isaan keessaa ammoo namoonni Qophiroosiitii fi Qareenaa taa'an tokko tokko gara Anxookiya'aa dhufanii Oduu Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii lallaba'aa namoota Giriikiitittillee himan.


Yesuus Kiristoos Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge.


Yoosuu waan Yesuus Kiristoosii akka inni Ilma Rabbii ta'e mana sagadaa Yihuudotaa keessatti lallabe.


Filiphoosillee afaan baqaffatee kitaaba kana irraa jalaqabee waan Oduu Nagayaa ka Yesuusii itti hime.


Guyyaa maraa mana woyyu'uutii fi mana ufiitittillee waan Yesuusii akka inni Kiristoosiin ta'e barsiisu'uu fi lallabuu hin dhiifne.


Filiphoosillee gara qachaa Samaariya'aa dhaqee waan Kiristoosii isaanitti lallabe.


Worra nama didanii bu'aa ufii soqaniif hammeeyyii ta'anii waan mishaa dhiisanii fi hammeenna duukaa worra deeman lola Rabbiitii fi bala'atu isaan irra gaya.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite