Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Obboleeyyan tiyya! kun wonti narra gayeef, dhugamaan Oduu Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Yaa obboleeyyan! Wonitti ana irra gaye marrinuu wongeelli caalatti akka babaldhatu taasisuu isaa, akka beekittaniif ni jaaladha.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Obboleeyyan tiyya! kun wonti na irra gayeef, dhugamaan Dubbii Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:12
19 Referans Kwoze  

Ani waan Kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammoo hin dhaamu.


Worra Rabbiin jaalataniif akka fedha isaatiin worra waamamaniif wonti maruu mishumma'aaf akka ta'u hin beenna.


Kana maraa keessatti ammoo ka nu jaalate saniin mooyattoota hin caalla.


Worri faca'an dubbii lallaba'aa deeman.


Kunillee raga'aaf isinii ta'a.


Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif, ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Oduun Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.


Haata'uu ammoo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Oduu Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.


Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan, kuuwwanillee waan Oduu Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran.


Isin namoota Filiphisiyuusii, jalqaba Oduun Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.


Eeganaa dhiirti hulee marattuu dheekkamsaa fi yaada hamaa malee, harka isaanii ka woyyoome ol kaasa'aa akka Rabbiin kadhatan barbaada.


Haata'uu ammoo hujiin lallaba Oduu Nagayaa ka anaan raawwatamuuf, akka worri Yihuudotaa hin taane martinuu dhagayaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jabeesse. Afaan leencaa jalaallee na hambise.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite