Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 9:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Waan ajjeesuu isaaniillee yookiin waan asmaa isaanii yookiin waan seebaruu isaanii waan hatuu isaaniitiifillee aagii hin galle.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

21 Akkuma kana lubbuu ajjeefttummaa isaanii, falfaalaa isaanii, sagaagalttummaa isaaniitii fi hattummaa isaanii irraa gara Waaqaa titti hin deebine.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Waan ajjeesuu isaaniillee, yookaan waan asmaa isaanii, yookaan waan seebaruu isaanii, waan hatuu isaaniitiifillee aagii hin galle.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 9:21
24 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati.


Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolffamaa kaddaaman, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.


Kallachaa isi'iititti maqaa dhossa'aa, «Baabiloonii guddoo haadha seebartootaatii fi ta lafa battootaa» jedhamee barreeffame.


Deebi'ee yoo dhufu isin birratti Waandhi kiyya akka na hin salphifne worra dura cubbuu hojjatanii fi waan battii godhaniif seebarrii, waan worra aagii hin galinii waan namoota hedduu maallaataa hin gadda jedhee sodaadha.


Mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran, worri lafa irra jiraatan daadhii woyini'ii seebara isi'iitiin machaayan» jedhee natti dubbate.


Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa seebaruu isi'iitiif kufaniiran mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran; daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin, dureeyyii ta'an» jedhee iyye.


Waan dhiiga woyyootaatii fi raattotaa jissaniif. Akkasuma dhiiga isaan obaafteerta. Waan isaan barbaachisuuf!» jedhee yoo dubbatu dhagaye.


Ergamaan lammaffa'aa ka duraatitti aanee, «Baabilooniin guddooni jidde jidde, isin gofti adda addaa maruu daadhii woyini'ii ta seebarchiiftuuf ta macheessitu akka dhugan gooteerti» jedhe.


Wol qirqirsuu, waaqa tolfamaa kaddaamuu, moruu, diinummaa, wol mormii, hinaaffaa, mufii, uf jaalachuu, wol dhabuu,


Sababaanillee garaa keessaa yaanni hamaan, ajjeesuun, seebaruun, hatuun, sobaan ragaa bayu'uu fi arrabsuu kanniin fa'atuu baya.


Murteen isaa dhuga'aa fi qajeelaa waan ta'eef, fayyisuun, ulfinni, hunnillee ka Waaqa keennaati! jedhee hennaa dubbatu laagaa akka banii hedduu dhagaye.


Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, fakii bineensaatii worra hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame.


Ibidda afoo namaatitti samii irraa buusu'uun malkata gugurdaa godha.


Woyyoota worrane mooyachuu gosaa fi firoota banii afaan gara garaa dubbatan maraa irratti baalliin kennameef.


Balaa kanaan ka hin ajjeefamne namoonni hafan jinnii arganii yookiin dhagayanii yookiin deemuu dadhabanii, worqii, birrii, waan akka sibiilaa, dhaga'aa fi muka irraallee waaqa tolfamaa hojjatamanii akka hin saganne, waan hujii harka isaaniitiifillee aagii hin galle.


Intalattiin sun uffata diima'aa fi hamara uffattee worqi'ii fi dhagaa gatii gudda'aa waan gatii gudda'aatiin bareede harka ufiititti waan nama shakkisiisaa, xuwwee worqi'ii ka seebarri'ii fi battumma'aan guuttame qabatte.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite