Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 9:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Boolla ashuutellee hin bane; aarrillee akka aarra ibidda gudda'aa dhagaa keessaa baya; aduunii fi qilleensi aara boolla ashuutee keessaa bawuun dukkanaayan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Inni boolla gadi fagoo ni bane, aarri'llee akka aara ibidda ka guddaa ol aana'aa bayuu ta'ee boolla gadi fagoo keessaa ni baye, waayee aara boollaa bayeetiin'llee adu'uu fi samiin ni dukkanaayan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Boolla ashuuteellee hin bane; aarrillee akka aara ibidda gudda'aa dhagaa keessaa baya; aduunii fi qilleensi aara boolla ashuutee keessaa bayuun dukkanaayan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 9:2
16 Referans Kwoze  

Ol samii gubba'atti baasa, ardii irratti malkata godha. Dhiigaa fi ibiddi, hurriin aaraallee hin ta'a.


Aarri rakkinna isaaniillee baraa haga bara baraatitti baya. Worri bineensaa fi fakii isaatii sagadan, worri malkata maqaa isaallee fudhatan maruu, halkanii guyyaa hara hin baafatan» jedhe.


Maleekkaan arfaffa'aa Xurumbaa afuufe. Aduun sadi keessaa harki tokko, addeessi sadi keessa harki tokko, urjiiwwan sadi keessaa harki tokko dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu guyyaan sadi keessa harki tokko akka ifu akkasuma ka halkaniillee'e.


Farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee akkasuma manaabaan arge. Uffata diimaa akka ibiddaa gurraacha akka baddeessa'aa, boora akka bookaa fakkaatu qaban. Mataan Faradoo sanniinii akka mataa Leencaati. Afaan isaanii keessaa holataan dhagaa ibiddaa baye.


Maleekkaan shanaffa'aallee xurumbaa afuufee urjii samii gara lafaa darbame arge. Furtuun ashuutellee hin kennameef.


Isaan mootii qaban; innillee Maleekkaa ashuuteeti. Maqaan isaa afaan Ibraayisxiitiin «Abdoon» Afaan Giriikiitinillee «Aphaliyoon» jedhama.


Maleekkaan shanaffa'aa mijuu teessoo busaaya'aa irratti jisse mootummaan isaallee hin dukkanoofte. Waan dhiphataniif arraba ufii alanshan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite