Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 9:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Isaan mootii qaban; innillee Maleekkaa ashuuteeti. Maqaan isaa afaan Ibraayisxiitiin «Abdoon» Afaan Giriikiitinillee «Aphaliyoon» jedhama.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Nugusa'llee ni qaban turan, inni'llee maleyikkichaa boolla gad fago'oo, maqaan isaa'llee afaan worra Ibirootaatiin, «Abaadoon», Giriki'iin ammoo, Apholiyon jedhama.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Isaan mootii qaban; innillee Maleekkaa ashuuteeti. Maqaan isaa afaan Ibraayisxiitiin «Abdoon» Afaan Giriikiitiinillee «Aphaliyoon» jedhama.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 9:11
18 Referans Kwoze  

Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Oduu Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, waaqa adunyaa tanaa ka ta'e seexannii qalbii worra hin amannee jaamse.


Waan murti'iitiif ammo bulchaa adunyaa tanaatitti duraanuu murteefameera.


Ammaa achi isin woliin waan heddu hin qaaqu, bulchaan adunyaa tanaa waan dhufuuf, inni na irraa waan tokko hin qabu.


Isin ka daabiloosii abbaa keessaniiti. Hawwii abbaa keessanii hojjatuu feetan inni jalqabumaa kaasee lubbuu balleessa. Dhugaan waan isa bira hin jirreef dhuga'aan hin dhaabbanne, soballee yoo dubbatu ufuma irraa dubbata. Sobaa abbaa sobaa waan ta'eef.


Nu ijoollee Rabbii akka taaneef, adunyaan martuu hunna hamaa san jala akka jirtu hin beenna.


Ijoollee tiyya, isin Rabbiin woliin jirtan injifataniirtanille'e, ka isin keessa jiru, ka adunyaa keessa jiru waan caaluuf.


Murtiin adunyaa tanaa amma gayeera, amma bulchaan adunyaa tanaa gara alaa gatama.


Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookiin ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad-gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.


Jinniiwwan sunillee akka inni gara qile'ee isaan hin ergine Yesuusiin kadhatan.


Yerusaaleemiin keessa karra hoolotaa bira haroon afaan Ibiraayiisxiitiin «Beetasayidaa» jedhamtu takkatu jira, isiin karaa ittiin seenan shan qabdi.


Afaan Ibraayisixiitiin gara hulee «Armaageedoon» jedhamutti wolgayan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite