Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 8:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Maleekkaan biraa dhufeeti girgiraa worqi'ii qabateeti hulee ciinca'aa bira dhaabatee afoo teesso'oo ka jiru ciincaa worqi'ii irratti qulqulloota maraaf faatee akka itti eda'u hixaanni guddaan itti keename.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Girgiraa worqqi'ii ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa dhufeeti, furdda biraan ni dhaabate, teessoo duranaan ka jiru furdda worqqi'ii irratti'llee, kadhannaa Qulqullu'uu woliin ka dhiyeessu ixaanni baayi'een ni kennameef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Maleekkaan biraa dhufee girgiraa worqi'ii qabatee hulee ciinca'aa bira dhaabatee ka afoo teesso'oo jiru ciincaa worqi'ii irratti faatee qulqullootaa maraa woliin akka dhiyeessu hixaanni hedduu kennameef.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 8:3
32 Referans Kwoze  

Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii, isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatiif faatee qulqullootaa meeshaa ittiin kaddaaman qaban.


Aarri hixaanaa faatee woyyoota woliin harka Maleekka'aatitti afoo Rabbiititti ol baye.


Hennaa inni hixaana aarsu baniin martinuu diida dhaabatanii faateffata'aa turan.


Maleekkaan jahaffa'aa xurumbaa afuufe. Gaafa worqii irraa hojjatame ka kennaa irratti dhiyeessan ka Rabbiin afoo jiru keessaa laagaa tokko dhagaye.


Achi keessa girgiraan worqi'ii, Saanduqa waada'aa ka worqi'iin dibame, Saanduqa waada'aa kana keessa masoobii worqi'ii ta nyaanni sami'ii keessa jiru, ulee Aaroonii ta margitee fi dhagaa baxxicha waadaa Rabbii ka seerri kudhanii irratti barreeffametu jira.


Waan isaaniitiif Rabbiin kadhachu'uuf, hennaa maraa lubbu'uun jiraata. Kanaaf, worra karaa isaatiin gara Rabbii dhufan sirima isaan fayyisuu danda'a.


Ka itti murteessu eennu? Ka du'e, caala'aatti ka worra du'an keessaa ka'ee ka mirgaa Rabbii jiru akkasuma waan keenna ka nuu kadhatu Yesuus Kiristoos.


Maleekkaan biraa ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara baya biiftu'uutii hennaa bayu arge. Maleekkota arfan lafaaf Galaana miidhu'uuf baalliin kennameefiitti laagaa gudda'aan iyya'aa,


Hennaa chaappaa shanaffa'aa hiike, mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge.


Maleekkaan jabaan biraallee duumeessa uffatee ka sami'ii bu'u arge. Mataa isaa irra funyaan karaabaatitu jira. Fuulli isaallee akka adu'uu, lutti isaallee akka ibidda dhaga'aa ti.


Maleekkaan girgiraa qabatee ibidda hulee ciinca'aatii itti guuteeti gara lafaa gadi darbe; laagaan gigissa'aatiif bakakka'aa dhagayamee laftillee hin sochoote.


Maleekkaan biraallee ka ibidda irratti baallii qabu hulee ciinca'aatii bayee, ka haamtuu qaramaa qabuun, «Sanyiin gayeera, haamtuu kee qaramaa gadi ergiitii muka woyini'ii ka lafa jiru maraa hurbuu isaa kuti» jedhee laagaa gudda'aan waame.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite