Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 8:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Maleekkaan arfaffa'aa Xurumbaa afuufe. Aduun sadi keessaa harki tokko, addeessi sadi keessa harki tokko, urjiiwwan sadi keessaa harki tokko dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu guyyaan sadi keessa harki tokko akka ifu akkasuma ka halkaniillee'e.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Maleyikkaan arfaffaa xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, harka sadihi adu'uu keessaa harki tokko, harka sadihi ji'aa keessaa harki tokko, harka sadihi urjji'ii keessaa harki tokko ni dhayame, kanaaf isa keessaa harka sadihi keessaa harki tokko ni dukkanaaye, bifa kanaan guyya'aa keessaa harki tokkoon guyya'aa, ifa malee ni ta'e.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Maleekkaan arfeesso'oo xurumbaa afuufe. Aduun sadihi keessaa harki tokko, addeessi sadihi keessa harki tokko, urjiiwwan sadihi keessaa harki tokko hin dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu, guyyaan sadihi keessa harki tokko akka ifu, akkasuma ka halkanillee'e.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 8:12
26 Referans Kwoze  

Hennaa chaappaa jahaffa'aa hiiku, lafti guddiftee sochoote. Aduunillee akka mataa gaddaatitti gurraachatte.


Badiin sadiin afaan isaanii ibiddaaf, aara dhagaa ibiddaatiin ajjeefame.


Maleekkoonni afurii namoota sadi keessaa harka tokko akka ajjeessan, sa'aatii, guyyaa, ji'aa fi wogga'aafillee worri qophaayanii turan hin hiikkaman.


«Guyyootuma san keessa, rakkina saniin maayessa, aduun hin dukkanoofti, jiinillee hin ifu.


Yesuus ammallee, «Guyyoota rakkinnaa saniin maayessa yoma san aduun dukkanoofti, jiinillee ifa ufii hin kennu; urjoonni samii gubba'aa hin harca'an, hundeen sami'iillee hin raafama.


Eegeen isaa urjii sami'ii sadi keessaa harka tokko gara lafaa gad-jisse. Jawweenillee hennaa dubbartittiin deette daa'ima isi'ii nyaachu'uuf dubartittii dayu'uuf taatu san afoo dhaabate.


Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Oduu Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, waaqa adunyaa tanaa ka ta'e seexannii qalbii worra hin amannee jaamse.


Aduu, ji'aa fi Urjii irratti, «Malkatatu ta'a. Lafa irrattillee worri Yihuudota hin taanee galaanaa fi laagaa haboonbolatti'iitiin mama'aati dhidhiphatan.


Sa'aatii jaharraa jalqabee haga sa'aatii sagalii ardiin martinuu hin dukkanoofte.


Sa'aatii jahaa irraa jalqabee haga sa'aatii sagalii biyyi martuu hin dukkanoofte.


Guyyaan guddaanii fi ulfaataan Goofta'aa uduu hin dhufneen dura, aduun gara dukkanaa; jiini gara dhiigaa hin jijjiirama.


Maleekkaan shanaffa'aa mijuu teessoo busaaya'aa irratti jisse mootummaan isaallee hin dukkanoofte. Waan dhiphataniif arraba ufii alanshan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite