Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 7:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan marraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qacee meexxi'ii harka isaaniititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Kanaan duubatti ni laale, namoota haalaan baayi'e'ee ni arge, isaan'llee ummataa fi gosa maraa, worraa fi afaan adda addaa ka dubbatan irraa kan wolitti bayan ni turan, isaan kun uffata adii uffatanii, baala muka meexxi'ii harka isaanii titti qabatanii, teessoo isaatii fi Hoolicha durana dhaabatanii jiran ni ture,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan maraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qaccee meexxi'ii harka ufiititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 7:9
41 Referans Kwoze  

«Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee; jeennata Waaqa keennaatiif gadicha akka ta'an gooteerta; adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa laagaa haarawaan faarfatan.


Baala meexxi'ii qabatanii simachu'uuf bayan, «Hoosaanaa! ka maqaa Goofta'aatiin dhufu Mootiin Israa'eelii ka eebbifame!» jedha'aa wocan.


Maleekkaan torbaffa'aa xurumbaa afuufe. Sami'itti, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» laagaan guddaan jedhu dhagayame.


Isaan maraafuu uffanni adiin kenname akkasuma akka isaaniititti worra ajeefamu'uuf ta'an haga laakkofsi garbootaa, goshoota isaaniitiif obboleewwanii haga raawwatamutti ammallee haga bara diqqo'oo haa harabaafatanii jedhaman.


Dureessa akka taatuuf worqii ibiddaan baffame uffattee qullaan saala keetii akka hin mudhanneef uffata adii waan ija kee ittiin bareechifattu na irraa akka bitattu si gorsa.


Obboleeyyan tiyya! worra qalbii qaban akka isinitti hin fakkaanne dhossaa kana akka beettan barbaada; haga worri Yihuudota hin taane gara worra Yihuudotaatitti guutumaan guutu'utti eda'amaniif, worri Israa'elii gariin hadoodeera.


Eegasuu waan dhufu'uuf ta'u jalaa akka baataniif fuula Ilma Namaa afo'otti dhaabachuu akka dandeettan hennaa maraa jabaadha'aa faateffadhaa'a!»


Hennaa san namoonni waan heddu ta'aniif, gumiin heddu haga wol irra ijjatutti wol gayanii uduu jiran, darasoota ufiitiin akkana jechuu jalqabe, Duraan dursa'atii raacitii Fariisotaa, jechuun uftuulummaa isaanii irraa uf eegaa'a.


Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaadha muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran.


Haata'uu ammoo gara gaara Tsiyooniitii fi gara ganda Rabbii jiraata'aa bira geettaniirtan. Gara Yeruusaalemii, gara worra sami'itti gammachu'uun wolgayaniiranii, gara Maleekkoota laakkoofsaa olii,


Kanaafuu baniin baayi'inni isaanii akka urjii sami'ii ka hin laakkayamne akka xidhacha qarqara galaanaa nama tokkicha nafti isaa akka nama du'ee fakkaate keessaa dhalatan.


Kanaaf gaafa hamaa dhaabachuu akka dandeettan, mi'a Rabbii ka lolaa maraa hidhadhaa'a.


Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatiif mangudootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagayee, laakkofsi isaanillee shikita hennaa shikitaatiif kuma hennaa kumaatamaati.


Gosa Zaabloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yooseefii keessaa kuma kudha lama, gosa Biiniyaamii keessaa kuma kudha lamaatitu chaappeeffame.


Ammaa achi abaarsi sirrima hin ta'u, teessoon Rabbiitii fi Hoolaan Rabbii isii keessa ta'a. Garboonni isaa isa kaddaaman fuula isaa keessa laalan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite