Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 7:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Maleekkoonni maruu naannoo teessoo manguddootaatiif, busaayota arfaanii dhaabatanii turan. Afoo teesso'ootitti kallachaan gadi kufanii Rabbii sagada'aa,

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Maleyikkoonni marri teessoo isaatii fi jarsotii, bineensota arfan naanaya'llee dhaabatanii jira ture, teessoo isaa duranatti'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Maleekkonni maruu naannoo teessoo manguddootaatii fi busaayota arfaanii dhaabatanii turan. Afoo teesso'ootitti kallachaan gad kufanii Rabbii sagada'aa,

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 7:11
16 Referans Kwoze  

Manguddoonni diddamii afurii afoo ka teessoo irraa taa'eeruutitti kufanii baraa haga bara baraatitti ka jireennaan jiraatuu, sagada'aa; «Gooftaa keennaa fi Waaqa keenna, «Ati maraa waan uumteertuuf, fedhii keetiif waan jiraataniif, ulfinni, jajamuunii fi hunnillee keeti» jedha'aa afoo teessoo isaatitti sagadan.


Afoo teessoo isaa waan galaana bilillee fakkaatu ka akka uf arga'aa qulqullaayeerutu jira. Wodhakkaa naannoo teessoo sanii bineensonni uumamaa afurtu jira. Isaanillee duraa duubaa ija qaban.


Manguddoonni diddamii afurii ka teessoo Rabbii afoo taa'an kallacha ufiitiin lafatti gadi kufanii akkana jedha'aa Rabbii sagadan.


Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaadha muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran.


Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkoonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha.


Hennaa san Yesuus, «Ati seexana, narraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi, isuma callaa kaddaami› jedhamee barreeffameera» jedheen.


Innillee, «Akkas akka hin goone uf eegi! Anillee siif obboloota kee, raattota woliin namoota dubbii kitaabaa kana eegan woliin anillee garbichaa Rabbii sagadi» naan jedhe.


Busaayonni arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin «Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u, ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u, Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite