Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 6:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Fardi daamaan biraallee baye ka farda san irraa taa'ellee nagaya lafa irraa fudhatu'uuf namoonillee akka wol qalan baalliinii fi guraadeen guddaan kennameef.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Ka bira'aa farddi diimaan ifaan ni baye, ka farda yaabbate nagaya arddii irraa akka dhabamisiisuu fi namoonni ufii isaaniitii akka wol fixan taasisu'uuf aangoon ni kennameef, biloofinni guddaan'llee ni kennameef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Fardi daamaan biraallee hin baye; ka farda san irraa taa'ellee nagaya lafa irraa fudhatu'uuf namoonnillee akka wol qalan baalliinii fi guraadeen guddaan kennameef.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 6:4
17 Referans Kwoze  

Yesuus ammallee, «Ani lafa irratti nagaya buusu'uuf waan dhufe isinitti hin fakkaatin; lola malee, nagaya buusu'uuf hin dhufne.


Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantaan woyyootaa kanaan.


Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe.


Ayyaanaan gara gammoojji'ii na fidee intalti takka ta maqaan arrabbaa irra jiru ta mataa torbaa fi gaafa kudhanii qabdu ta bineensa diimaa irra teetu arge.


Malkanni biraallee sami'itti mudhate. Jawween guddaan diimaan, mataa torbaa fi gaafa kudhan qaba. Mataa isa irraa qoobii torbatu jira.


Yesuusillee deebisee, «Olii uduu sii kennamuu dhabaatee, silaa ana irratti baallii hin qabdu. Kanaafuu ka dabarsee sitti na kenneef cubbuun isaa ka caalu ta'a» jedheen.


Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne uf eeggadhaa'a; Kun ta'uun isaa dirqama, haata'uu ammo ammallee dhumni hin geenne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite