Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 6:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Hennaa chaappaa jahaffa'aa hiiku, lafti guddiftee sochoote. Aduunillee akka mataa gaddaatitti gurraachatte.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Kanaan duubatti Hoolichi chaaphaa jahaffaa yeroo banetti gara isaa ni laale, kunnoo sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, aduun akka uffata gurraacha gaddaa titti ni gurraachoftte, jiin marri'llee akka dhiigaa titti ni diimatte,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Hennaa chaappaa jaheesso'oo hiiku lafti guddiftee sochoote. Aduunillee akka uffata gaddaatitti gurraachatte.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 6:12
31 Referans Kwoze  

Yesuus ammallee, «Guyyoota rakkinnaa saniin maayessa yoma san aduun dukkanoofti, jiinillee ifa ufii hin kennu; urjoonni samii gubba'aa hin harca'an, hundeen sami'iillee hin raafama.


Laagaan Bakakka'aatiif gigissaan dhagayamee lafti guddiftee sochoote. Haga namni lafarratti uumamee jalqabee sochiin akkanaa guddaan sirimaa ta'ee hin beeku. Kun maraa caale.


Sa'aatii san lafti guddiftee sochoote. Qachattiin kudhan keessaa harki tokko hin kufte. Sochii saniin namoonni kuma torbaa dhuman. Worri hafellee sodaatee Waaqa sami'itii ulfinna kennan.


Maleekkaan girgiraa qabatee ibidda hulee ciinca'aatii itti guuteeti gara lafaa gadi darbe; laagaan gigissa'aatiif bakakka'aa dhagayamee laftillee hin sochoote.


Gofti gosatti, mootummaan mootumma'atti hin ka'a;, beellinii fi sochiin lafaa hulee adda addaatitti hin ta'a.


Sa'aatii jaharraa jalqabee haga sa'aatii sagalii ardiin martinuu hin dukkanoofte.


Maleekkaan Goofta'aa waan sami'ii bu'eef lafti guddiftee sochoote. Innillee dhufee dhagaa awwaala irraa garagalchee irra taa'e.


Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan, raafamaaf sochii ta'e arganiiti, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan.


Sa'aatii jahaa irraa jalqabee haga sa'aatii sagalii biyyi martuu hin dukkanoofte.


Kurraasii, si aanne'e! Beetasayidaa'a, si aanne'e! Maalaleen isin keessatti godhame Xiroosii fi Siidonaa keessatti uduu godhamee jiraatee, silaa baniin achii yoosuu uffata gaddaa uffatanii, daaraa ufitti firfirsanii, silaa bara dheera'aan duratti cubbuu irraa deebi'aniiran.


Maleekkaan arfaffa'aa Xurumbaa afuufe. Aduun sadi keessaa harki tokko, addeessi sadi keessa harki tokko, urjiiwwan sadi keessaa harki tokko dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu guyyaan sadi keessa harki tokko akka ifu akkasuma ka halkaniillee'e.


Maleekkaan arfaffa'aa mijuu aduu irratti jisse; namootallee ibiddaan akka gubdu isi'ii kenname.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite