Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 5:9 - WAADAA LAMMATAA

9-10 «Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee; jeennata Waaqa keennaatiif gadicha akka ta'an gooteerta; adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa laagaa haarawaan faarfatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 «Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee;

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 5:9
41 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nullee ifa keessa yoo jiraanne, nu martinuu isa woliin tokkummaa qabna. Dhiinni Ilma isaa Yesuus Kiristoosii cubbuu keenna maraa irraa nu qulqullessa.


Kun dhiiga kiyya ka waadaa haarawaa ka cubbuu namoota hedduutiif jigu.


Maleekkaan Oduu Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge.


Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame sanii, hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.


Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.


Akkasuma Ilmi Namaa lubbuu ufii kennee nama maraa furu'uuf dhufe malee, isaaf haa hojjataniif hin dhufne» jedhe.


Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.


Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.


Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan.


Akkuma durummaa Ayyaana Rabbiititti, dhiiga Kiristoosiitiin furamuu, araara cubbuu keennaa arganne.


Inni woreega gumaa cubbuu keennaati. Kunillee nuu calla'aaf uduu hin ta'in cubbuu biyya lafaa maraaf.


Gati'iin bitamtaniirtan; garbicha namaa hin ta'inaa'a.


Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafarra jiraatan maruu hin sagadaniif.


Worra gosa afaan adda addaa, fi worra Yihuudota hin taanee, Reeffa isaanii guyyaa sadihiifi wodhakkaa lafatti laalan. Reeffi isaanii akka awwaalamu hin dhiisan.


Akkas ta'uun isaanii biyya biraa qabatuu isaanii mudhisa.


Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.


Faaruu faarfachu'uun weedduu Ayyaanaatiin woliin qaaqaa'a. Goofta'aaf garaa keessan keessatti weeddisa'aa faarfadhaa'a.


Gosa hedduu fi worra Yihuudotaa hin taane, «Worra Afaan adda addaa qaaqanii fi mootota marattuu deebitee raaga dubbachuu si barbaachisa» jedhamee natti himame.


Woyyoota worrane mooyachuu gosaa fi firoota banii afaan gara garaa dubbatan maraa irratti baalliin kennameef.


«Waaqa Gooftaa maraa dandeettu, hujiin kee gudda'aa fi maalale'e, mootii worra Yihuudii hin taanee, karaan kee qajeella'aa fi ka dhuga'aati; Gooftaa ka si hin sodaanne; ka maqaa kee hin kabajjine eennu? waan ati callaan woyyuu taateef hujiin kee qajeellumma'aan waan mudhateef, worri Yihuudi hin taane maruu dhufanii, afoo keetitti sagadan» jedha'aa faaruu garbicha Rabbii ka Muuse'eetii fi faaruu hoolaa Rabbiitii faarfatan.


«Bisaan seebartiittiin irra teette ka ati argite, gosaa fi namoota hedduu, worra Yihuudii hin taanee fi worra afaan adda addaatiin dubbatu naan jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite