Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 5:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii, isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatiif faatee qulqullootaa meeshaa ittiin kaddaaman qaban.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

8 kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatii fi faatee qulqullootaa meeshaa ittiin waaqeffatan qaban.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 5:8
27 Referans Kwoze  

Manguddoonni diddamii afurii afoo ka teessoo irraa taa'eeruutitti kufanii baraa haga bara baraatitti ka jireennaan jiraatuu, sagada'aa; «Gooftaa keennaa fi Waaqa keenna, «Ati maraa waan uumteertuuf, fedhii keetiif waan jiraataniif, ulfinni, jajamuunii fi hunnillee keeti» jedha'aa afoo teessoo isaatitti sagadan.


Busaayaan arfanuu, «Amiin!» jedhan manguddoonni kufanii sagadan.


Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaadha muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran.


Manguddoonni diddaamii afurii fi busaayoonni afurii, afoo isaaniititti gad kufanii Rabbii teessoo irra taa'ee, «Amiin, halle luyyaa!» jedha'aa sagadaniif.


Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.


Busaayonni arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin «Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u, ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u, Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan.


Busaayaa arfan keessaa tokko baraa haga bara baraa ka jiraatu xuwwee worqi'ii torban ka lola Rabbiitiin guuttame Maleekkaa torbatti kenne.


Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkoofsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii kaddaamama'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge.


Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkoonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha.


Bariisaa san Yohaannis uduu Yesuus gara isaa dhufu argee akkana jedhe; «Kunoo! Hoolaan Rabbii ka cubbuu adunyaa irraa balleessu kana.


Afoo teessoo isaa waan galaana bilillee fakkaatu ka akka uf arga'aa qulqullaayeerutu jira. Wodhakkaa naannoo teessoo sanii bineensonni uumamaa afurtu jira. Isaanillee duraa duubaa ija qaban.


Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatiif mangudootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagayee, laakkofsi isaanillee shikita hennaa shikitaatiif kuma hennaa kumaatamaati.


Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame sanii, hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.


Hoolaanillee hennaa chaappaa torbaa keessaa tokko yoo hiiku arge; busaayaa arfan keessaa tokko laagaa gigissaa fakkaatuun «Koottuu» laali hennaa jedhu dhagaye.


Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafarra jiraatan maruu hin sagadaniif.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite