Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 5:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame sanii, hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Qoonqqa ol aana'aan'llee, Hoolaan qalame, huminna, qabeenna, ogummaa, jabeenna, ol aanttummaa, ulfinnaa fi galata fudhachuun, ka maluun ni jedhan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame saniif hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 5:12
19 Referans Kwoze  

«Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee; jeennata Waaqa keennaatiif gadicha akka ta'an gooteerta; adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa laagaa haarawaan faarfatan.


Asiin maayii sami'itti, «Hallee luyyaa! ta seebaru'uun lafa balleessite seebartuu guddoo waan itti murteeffameef waan dhiiga garbotaa harka isi'iitti haluu baaseef»


Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beetaniirtaniif, dureessa uduu ta'u, isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e.


«Amiin! eebbii, ulfinni, ogummaan, galanni, jajamuun, hunninii fi jajjabeennillee baraa haga bara baraa Waaqa keennaaf haata'u! Amiin!» jedhan.


Yesuusillee gara isaanii dhufee, «Baalliin maruu ardi'ii fi sami'ittillee naa kennameera.


Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.


Bariisaa san Yohaannis uduu Yesuus gara isaa dhufu argee akkana jedhe; «Kunoo! Hoolaan Rabbii ka cubbuu adunyaa irraa balleessu kana.


Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafarra jiraatan maruu hin sagadaniif.


Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa, «Eebbi, ulfinni, galanni, hunni, baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haata'u» jedhan dhagaye.


Ka ufumatti Waaqa ta'e, ka hin bannee fi hin mudhanne, mootii bara baraatiif galanninii fi ulfinni baraa haga baraa haata'u! Amiin.


Rabbii Abbaa isaatii akka hojjannuuf jeennata Abbaa isaatii gadicha akka taanu nu taasisee, baraa haga bara baraa ulfinninii fi hunni isaa haa ta'u! Amiin.


Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii, isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatiif faatee qulqullootaa meeshaa ittiin kaddaaman qaban.


Hoolaanillee hennaa chaappaa torbaa keessaa tokko yoo hiiku arge; busaayaa arfan keessaa tokko laagaa gigissaa fakkaatuun «Koottuu» laali hennaa jedhu dhagaye.


«Waaqa Gooftaa maraa dandeettu, hujiin kee gudda'aa fi maalale'e, mootii worra Yihuudii hin taanee, karaan kee qajeella'aa fi ka dhuga'aati; Gooftaa ka si hin sodaanne; ka maqaa kee hin kabajjine eennu? waan ati callaan woyyuu taateef hujiin kee qajeellumma'aan waan mudhateef, worri Yihuudi hin taane maruu dhufanii, afoo keetitti sagadan» jedha'aa faaruu garbicha Rabbii ka Muuse'eetii fi faaruu hoolaa Rabbiitii faarfatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite