Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 5:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatiif mangudootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagayee, laakkofsi isaanillee shikita hennaa shikitaatiif kuma hennaa kumaatamaati.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Garasi'llee yoo laalu teesso'oo fi bineensota, naannaya jaarsota'llee qoonqqa maleyikkoota baayi'e'ee ni dhagaye, baayi'nni isaanii'llee kuma baayi'e'ee fi miliiyoona baayi'e'etti ka lakkaayamu ture,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatii fi manguddootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagaye; laakkobsi isaanillee shikita hennaa shikitaatii fi kuma hennaa kumaatamaati.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 5:11
18 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo gara gaara Tsiyooniitii fi gara ganda Rabbii jiraata'aa bira geettaniirtan. Gara Yeruusaalemii, gara worra sami'itti gammachu'uun wolgayaniiranii, gara Maleekkoota laakkoofsaa olii,


Afoo teessoo isaa waan galaana bilillee fakkaatu ka akka uf arga'aa qulqullaayeerutu jira. Wodhakkaa naannoo teessoo sanii bineensonni uumamaa afurtu jira. Isaanillee duraa duubaa ija qaban.


Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaadha muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran.


Laagaa akka laagaa banii hedduu laagaa akka laagaa bisaan gudda'aa laagaa akka laagaa gigissaa gudda'aa jiru hennaa akkana jedhu dhagaye. «Hallee luyyaa! ka maraa bulchuu Waandhi Gooftaan keenna waan mooyeeruuf.


Maleekkoonni maruu naannoo teessoo manguddootaatiif, busaayota arfaanii dhaabatanii turan. Afoo teesso'ootitti kallachaan gadi kufanii Rabbii sagada'aa,


Busaayaan arfanuu, «Amiin!» jedhan manguddoonni kufanii sagadan.


Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.


Heenokiin yoo Aadamiin irraa jalqabnee laakkofne torbaffa'aa; waan cubbuu isaan godhan maraaf, «Gooftaan akka maraa irratti murteessu, waan worri hammeeyyiiniif cubbamoonni isa irratti dubbatan waan gar-jabeenna maraatiif cubbamootatti murteessu'uuf woyyoota shikitaa woliin dhufeera» jedhee isaanitti raaga dubbateera.


Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii, isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatiif faatee qulqullootaa meeshaa ittiin kaddaaman qaban.


Laakkofsi loltuu farado'oollee shikita hennaa shikitaa, shikita hennaa shikitaa ti jedhu dhagaye.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite