Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 3:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Hujii kee hin beeka afoo keetitti balbala baname sii kenneera. Eennullee cufuu hin danda'u, hunni kee hagamillee diqqoo yoo ta'e, dubbii kiyya eeddee maqaa kiyyallee hin waakkanne.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

8 Hujii kee ni beeka, eennuu'llee cufu'uuf ka hin dandeenne, balbala baname durana keetiin kaayee jira, huminni kee shiikkoo ta'uu ni beeka, haa ta'u malee dubbii tiyya eegiddee jirta, maqaa kiyya'llee hin waakkanne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Hujii kee hin beeka; afoo keetitti balbala baname sii kenneera. Eennullee cufuu hin danda'u; hunni kee yoo hagamillee diqqoo ta'e, dubbii kiyya eeddee maqaa kiyyallee hin waakkanne.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 3:8
25 Referans Kwoze  

Balbali guddaan huji'ii naa banameera, worri na morman ammoo heddu.


Hennaa sanillee waan dhossaa Kiristoos ka ani hidhameef akka himnu, Rabbi ergaa ufiitiif balbala akka nuu banu waan keennaafillee nuu kadhadhaa'a.


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Filaadelifiyaa keessa jirtuu akkana jedhii barreessi. Ka furtuu Daawitii harkaa qabu, ka waan inni cufe eennullee banuu hin dandeenneef waan inni bane eennullee cufuu hin dandeenne woyyichi dhuga'aa akkana jedha.


Hennaa waan Oduu Nagayaa Kiristoosiitiif gara Xiro'aada'aa dhufe, hujii Rabbiitiif hagamillee balbalti yoo naa baname,


Hennaa achi gayan woldaa kiristaanaa wolitti qabanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa worra Yihuudii hin taaneefillee Rabbi balbala amanta'aa akka isaanii bane himan.


Hunna Kiristoos naa kennuun maraa danda'a.


Ka nama afo'otti na ganu, maleekkota Rabbii afo'otti hin ganama.


«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.


«Namoota adunyaa irratti naa kennite biratti maqaa kee ibseera. Worra kee turan, ati naa kennite. Isaanillee dubbii kee eeganiiran;


Akka ati qabbanaayaa yookiin oo'aa hin taane hujii kee hin beeka. Qabbanaayaa yookiin oo'aa uduu taatee misha'a.


«Ani, dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.


Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.


Worra fira isaanii ta'aniif keessumattuu maatii ufiitii ka hin yaanne, eennullee yoo jiraate, inni ka amantaa ufii gane, nama hin amanne caalaa hama'a.


Wondhaansoo mishaa bayeera; fiigicha kiyya fixeera. Amantaa kiyya eeggadheera, uf afo'otti badhaasaaf qajeellummaan naaf qophaayeera.


«Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjoota torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta.


Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka. Akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an akka beette ani hin beeka.


Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.


Garbichi Gooftaa hin caalu jedhee dubbii isinitti hime qaabadhaa'a, yoo na ari'anii jiraatan, isinillee akkasuma hin ari'an; dubbii kiyya yoo eeganii jiraatan, dubbii keessanillee akkasuma eegan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite