Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 3:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Nama injifate galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa isa taasisa. Inni horoma duranaallee achi keessaa hin bayu. Ani maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ta Yeruusaalemii haarawa sami'ii dhuftuuf maqaa kiyya haarawa isa irratti barreessa.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Injifatee ka moo'u utubaa Mana Waaqeffannaa Waaqa kiyyaa isa ni taasisaan, achii'llee gonkumaa hin bayu, maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa magaalaa Waaqa kiyyaa isa irratti ni barreessa, magaalaan tun'llee sami'ii Waaqa kiyya biraa ta buutu, Yerusaalemii haarofititti'i, maqaa kiyya haarawa'llee isa irratti ni barreessa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Nama injifate galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa isa taasisa. Inni horoma duranaallee achi keessaa hin bayu. Ani maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ta Yerusaalemii haarawa sami'ii dhuftuuf maqaa kiyya haarawa isa irratti barreessa.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 3:12
26 Referans Kwoze  

Maqaan isaa kallacha isaanii irraa jira.


Qachaatiin woyyittiin haarofti Yeruusaalem akka idaayyaa abbaa manaatiif qandhaftee qophooftee Rabbiin biraa hennaa sami'ii buutu arge.


Kunoo hoolaa gaara Tsiyoonii irra dhaabate arge. Isa woliin worra maqaan isaaniitii fi maqaan Abbaa isaa ka kallacha isaanititti barreeffame, kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afuri.


Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan, Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubbatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammoo gara worra Yihuodotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.


«Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.


Haata'uu ammoo gara gaara Tsiyooniitii fi gara ganda Rabbii jiraata'aa bira geettaniirtan. Gara Yeruusaalemii, gara worra sami'itti gammachu'uun wolgayaniiranii, gara Maleekkoota laakkoofsaa olii,


Ijoollee tiyya, isin Rabbiin woliin jirtan injifataniirtanille'e, ka isin keessa jiru, ka adunyaa keessa jiru waan caaluuf.


«Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›


Kunniin hoola'aan lolan, hoolaan sun Gooftaa Gooftotaatii fi mootii mootootaa waan ta'eef, isaan mooyata worri isa woliin jiran worri waamamanii fi worri filataman akkasuma worri amanaman hin mooyatan.»


Nu'u qachaa biraa guddittii ta bara baraa san eegganna malee, qachaa biraa asii hin qabnu.


Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu ka mooyate du'a lammaffa'aatitti hin miidhamu.


Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga.


Isaan itti finnaan, «Fakkiin kun ka eennuuti? Barreeffamni kun ka eennuti?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ka mootii mootota worra Rooma'aati» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite