Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 3:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Ani dafee dhufa. Eennullee badhaasa kee ka muudamaa akka si jalaa hin fudhanne waan qabdu jabeessii qabadhu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Kunoo dadafaan ni dhufa, gonfaan kee eennu'llee isii irraa akka hin fudhanneef, ka qabddu jabeessiitii qabadhu.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Ani dafee dhufa; eennullee badhaasa kee ka muudamaa akka si jalaa hin fudhanne waan qabdu jabeessii qabadhu.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 3:11
19 Referans Kwoze  

Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookiin badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin fudhata.


«Ani dafee dhufa; isaan maraafuu akkuma hujii isaaniititti isaanii kennu'uuf gatiin isaanii na bira jirti.


Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.


haga ani dhufuuf woma qabdan san jabeessa'aa qabadhaa'a.


Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna.


Akkasuma namni fiigichaan wol morku tokko, yoo akka seera morkii saniititti hin morkine, injifatee badhaasa hin argatu.


Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa» jedha. Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu.


Barri waan dhiyaateeruuf, worri dubbii raagaa kana dubbisan, dhagayaniif worri waan isa keessatti barreeffame eegan eebbifamtoota.


Manguddoonni diddamii afurii afoo ka teessoo irraa taa'eeruutitti kufanii baraa haga bara baraatitti ka jireennaan jiraatuu, sagada'aa; «Gooftaa keennaa fi Waaqa keenna, «Ati maraa waan uumteertuuf, fedhii keetiif waan jiraataniif, ulfinni, jajamuunii fi hunnillee keeti» jedha'aa afoo teessoo isaatitti sagadan.


Ka wandhansa bayu maruu, waan maraanuu nafa ufii hin eeggata. Kunniin kennaa badu argachu'uuf, nu ammoo ka hin banne argachu'uuf.


Eeganaa attamitti akka fudhatteef akka dhageette yaadi. Aagii gali; ajajamiifille'e. Yoo ati dammaquu dhabaatte, akka hattu'uutitti dimmaa sitti dhufa. Sa'aatii attami'ititti akka ani sitti dhufu sirimaa hin beettu.


Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaadha muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran.


«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.


«Ani, dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.


Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin murtoofneef wolitti hin gururi'inaa'a! Kunoo abbaan murti'ii balbala afoo dhaabateera.


Gara-laafinni keessan nama maraa biratti haa beekkamuu. Gooftaan dhiyo'o.


«Ani akka hattu'uu ta'ee dhufa! akka qullaa hin deemne saala isaallee akka hin argine, ka dammaqee uffata ufii eegu ka eebbifame!»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite