Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 22:7 - WAADAA LAMMATAA

7 «Ani, dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Yesus'llee, «Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa! Dubbii raagaa kitaaba kanaa ka eeggatu, ka galateeffame!» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 «Ani dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 22:7
12 Referans Kwoze  

Ani dafee dhufa. Eennullee badhaasa kee ka muudamaa akka si jalaa hin fudhanne waan qabdu jabeessii qabadhu.


Barri waan dhiyaateeruuf, worri dubbii raagaa kana dubbisan, dhagayaniif worri waan isa keessatti barreeffame eegan eebbifamtoota.


Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa» jedha. Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu.


«Ani dafee dhufa; isaan maraafuu akkuma hujii isaaniititti isaanii kennu'uuf gatiin isaanii na bira jirti.


«Ani akka hattu'uu ta'ee dhufa! akka qullaa hin deemne saala isaallee akka hin argine, ka dammaqee uffata ufii eegu ka eebbifame!»


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Eeganaa aagii gali yoo aagii galuu baatte ani daafee sitti dhufa. Guraadee afaan kiyya keessaa bayuun isaaniin lola.


Eeganaa attamitti akka fudhatteef akka dhageette yaadi. Aagii gali; ajajamiifille'e. Yoo ati dammaquu dhabaatte, akka hattu'uutitti dimmaa sitti dhufa. Sa'aatii attami'ititti akka ani sitti dhufu sirimaa hin beettu.


Raaga Kitaaba kana irratti barreffame kana ka dhagayu maraafuu ani hin raga. Eennullee kana irratti waan tokko yoo eda'e, Rabbi balaa kitaaba kana keessatti barreeffame maraa isarratti raawwata.


Eennullee dubbii kitaaba raagaa kana keessaa yoo hanqise, hiree isaa muka jireennaa ka kitaaba kanatti barreeffamee, qachattii woyyittii Rabbii keessaa jalaa hanqisa.


Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haata'u; amiin!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite